header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Haleellaa Kaampii irratti raawwatameen namni 70 ajjeefame

Haleellaa guyyaa kaleessaa kaampii baqattoota Maghaazii kan jiddu galeessa Gazzaa keessatti argamurratti raawwatameen yoo xiqqaate falasxiinonni 70 ajjeefamaniiru. Dubbi himaan ministeera fayyaa Falasxiin Ashraf Al Qudraa akka jedhetti, lakkoofsi kun dabaluu danda’a. Hamaas haleellaa kaampiirratti raawwatamee fi lammiilee nagayaa hedduu galaafate kana “yakka waraanaa” jedhuun ibse.

Xayyaaronni waraanaa israa’el naannoowwan jireenyaa irratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwataa akka jiran gabaafameera. Magaalaan Khaan Yuunis fi kaampiin baqattoota Jabaaliyaa warra xiyyeeffannaan itti godhamaa jiru akka ta’es himameera. Magaalaa Gazzaa naannawa Saftaawii fi Sheikh Ridwaan jedhamurrattis haleellaan cimaan raawwatameera.

Haleellaa Kaampii Bureeyj irratti raawwatameen namni tokko ajjeefamee hedduun madaawaniiru. Haleellaa Magaalaa Khaan Yunis irratti raawwatameen ammoo lammiileen 19 ajjeefamaniiru. Haala Kanaan waraana guyyaa 80ffaa qabate Kanaan Falasxiinonni 20,424 ta’an ajjeefamaniiru. Lakkoofsi kun lakkoofsa namoota caccaba jalatti hafanii fi achi buuteen isaanii dhabame of keessatti hin qabatu.

Hamaas ‘loltoota Israa’el 48 guyyoota dabran afur keessatti ajjeeseera’ jechuun ibse. Ibsa isaa kanaanis diinni kallattii hundaan salphina goonfataa jira jechuun beeksise. Akka walii galaatti israa’el erga weerrarri lafaa jalqabamee as loltoonni isii 154 ajjeefamuu beeksisteerti.

Kaabineen waraanaa Israa’el wixinee waraana dhaabuu Masr dhiheessiterratti mari’atuuf karoorfateera. Wixinineen Masriin qophaaye kun kutaa sadih kan qabu yoo ta’u, miseensota kaabinee tokko tokkoof fudhatamuu dideera.

Akka wixinee kanaatti Israa’el waraana guyyaa 7 hanga 10 kan dhaabdu yoo ta’e lammiilee Israa’el kan loltoota hin ta’in hunda gad lakkisiisuuf kan wixineeffameedha. Yeroo kanattis Israa’el hidhamtoota Falasxiin hedduu gad lakkisuu qabdi.

Kutaan lammataa ammoo kan loltoota dubartootaa laallatuudha. Ammas Israa’el akka waraana guyyaa torbaaf dhaabdu kan gaafatuu fi hidhamtoota hedduu akka gad lakkistu kan gaafatuudha. Kutaan sadaffaa ammoo loltoota dhiiraa hafan ilaallata. Kanaafis Israa’el haleellaa isii akka dhaabduu fi loltoota isii Gazzaa weeraranis akka gara daangaatti deebistu kan gaafatuudha. Wixineen Masriin dhihaate kun namoota gariif hin liqimfamne.

Gama biraatin miseensonni Kaabinee waraanaa tokko tokko ammoo waraanni lafoo akka bahu barbaadan. Waraanni lafoo bahee xayyaaraa fi misaa’elaan qofa akka haleellaan raawwatamu barbaadan. Loltootni Israa’el hedduun Gazzaa keessatti ajjeefamaa jiraachuun isaanii miseensota kanniiniif hin fudhatamne.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button