header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Jilli Mootummaa Suudaan Ministeera Dhimmoota Kaabineetiin hogganamu Finfinnee seene

Jilli qondaaltota ol’aanoo mootummaa Suudaan galgala har’aa Finfinnee seene kun, Ministeera Dhimmoota Kaabinee biyyattii Umar Bashiir Maanisiin kan hoogganamu yoo tahu, Ministeerri Haajaa Alaa Obbo Gadduu Andaargaachew buufata xiyyaara Booleetti simannaa godheefii jira.
Jilli mootummaa Suudaan kun qondaaltota siyaasaa Ityoophiyaa waliin dhimmoota daangaa biyyoota lamaanii ilaalchisee, walgahii guyyoota lamaaf karoorfame irratti kan hirmaatu tahuu odeeyfannoon ministeera haajaa alaa irraa bahe ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button