header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Dubartoonni Chaayinaa Maaliif Daa’ima Balfa Keessatti Gatan?

Chaaynaa keessatti dubartoonni heddu daa’imni garaa qaban dubra tahuu yoo beekan ofirraa baasan.

Mootummaan chaaynaa seera fokkotaa tokko qaba. Sunis ilmoo takka qofa qabaachuu ykn ammoo one child policy waan jedhamuudha. Sababa kanaaf maatiin tokko ilmoo takka qofa dhala jechuudha. Kanaafuu yoo maatiin sun intala argate irra deebi’ee ilma yoo barbaade dhaluu hin danda’u. jalqabuma karaan kun seera kominstii chaaynaatiin cufameera. Ilmoon dhiiraa ammoo waan hedduuf barbaadama. Kabajaa maatii eega, sanyiin maatii saniitis karaa dhiiraatiin bal’ataa deema. Kanaafuu dubartoonni hedduun wanti garaa isaanii keessa jiru intala ta’uu yoo beekan battaluma sanitti garaa of baasan. Akka carraa ta’ee yoo dhalanis, osoo mootummaa biratti hin galmeessin fuudhanii balfatti gatan. Sababni isaa yoo mootummaan galmeesse achi booda ilmoo biroo dhaluun hin hayyamamuuf.  Sababa kanaaf jecha daa’imman intalaa miiliyanaan lakkaawaman wagga waggaan dhiiraaf jecha lubbuu isaanii dhaban. Haala amma jiruun chaaynaa keessatti lakkoofsa dhiiraatu kan dubartootaa caala. Yeroo ammaa kana dhiirri miiliyana 20 ol ta’u, sababuma ijoolleen dubraa yeroo dhalatan balfa keessatti gatamaa du’aaniif  jecha waahela jireenyaa dhabuuf dirqamaniiru.

Ameerikaa Keessatti ummanni African American jedhaman irra hedduun isaanii sababa ulfa garaa baasuutiin du’an

Qorannoo Isteetota Ameerikaa 36 fi Magaalota lama keessatti godhameen, waggaa tokko keessatti gurraaleen Ameerikaa kan 203,991 ta’an sababa ulfa garaa baasuutiin lubbuu dhaban.  Waggama san keessa dhibeewwan lubbuu gurraachota hedduu galaafatuudhaan beekkaman; dhibeen onnee, Kaansariin, gaggabdoon, balaan tasaa, sukkaarrii fi rakkoon hargasuu walumaa galatti namoota 198,000 ol ajjeese. Gabaabumatti ummanni gurraachi Ameerikaa sababoota dhibee gurguddoo daran, sababa ulfa garaa baasuutiin lubbuu isaa hedduminaan dhabaa jiran.

Beeljiyam seera ulfa garaa baasuu heeyyamuuf jecha Mootii isii guyyaa tokkoof aangoorraa fonqolchite.

Aangoo maatiirraa dhaalaa isa dhaqqabeen Mootiin Baadwiin jedhamu Beeljiyamiin bara 1951 irraa kaasee hanga bara 1993tti bulchee ture. Seerota bahan hundarratti inni mallatteessuun dirqama. Haa ta’u malee bara 1990tti seera Paarlaamaan baase tokko mallatteessuun hedduu itti ulfaate. Hordofaa amantii kaatolikii kan ta’e Baadwiin, amantiin isaa ulfa garaa baasuu gonkumaa hin hayyamu. Kanaafuu seera haarawa bahe kana mallatteessuun seera amantii isaa cabsuu waan taheef mallatteessuu dide. Paarlaamaan biyyattiitis isa kophatti dhiisanii marihatanii furmaata lafa kaayan. Furmaanni jarri lafa kaayanis mooticha biyya bulchu guyyaa tokkoof aangoo isaa kaasuudha. Miseensonni paarlaamaa waan kanarratti eega walii galanii booda mootichaaf yaada dhiheessan. Innis yaada isaanii fudhatee guyyaa tokkoof aangoo irraa fonqolchame. Eega mootichi aangoo irraa bu’ee booda miseensonni paarlaamaa seera ulfa garaa baasuu hayyamu kana tumanii irratti waliif galanii mallateessan. Namni  bakka Baadwiin bu’ee guyyaa takkaaf aangoo qabates ni mallatteesse. Kana booda guyyaa itti aanu haajaa waan geeffataniif mooticha duraa aangotti deebisan.

Qophii: Abuu Ibtisaam

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button