Lammiin Awustraaliyaa Edward Jones jjedhamu, jaarraa 19ffaa keessa daaw’annaaf gara England imalee ture. Yeroo sanitti ijoollee umrii 14 kan ture Edward, dhokatee masara Buckingham jedhamu kan mootittiin England Queen Victoria keessa jiraattu keessa seenuu danda’e.
ammas carraa argatetti fayyadamee dhokachuudhaan kutaa ciisicha mootittii seene. Meeshaawwan qaqqaalii mootittiin qabdu keessaa garuu wanti gurbaan kun hate waan nama kofalchiisu. Paantii mootittii lama hatee uffata isaa keessatti dhoksee bahe. Osoo kutaa sanii bahee deddeemu paantiin mootitti kofoo isaa keessaa kufte. San booda qabamee dhoksaan dhimmi isaa ilaallame. Kabajaa mootittii eeguudhaaf jecha dhimmi kun akka hin dubbatamne taasifame. Gurbaanis gara Awustraaliyaa akka deebi’u godhame. Dhimmi kun waggaa 150 booda bara 2011tti ummataaf ibsame.
Namticha Siidaa Attaaturk jalatti qulqullaaye
Siidaan namootaa fi biyyoota hedduuf mallattoo guddaadha. Goototaa fi seenaa garagaraa yaadachuudhaaf siidaa guddaa magaalaa qixxeetti ykn ammoo bakka taateen sun mudattetti dhaabuun waan barameedha. Siidaawwan kabajaan guddaan kennamuuf keessaa tokko kan Musxafaa Kamaal Ataaturkiiti.
Kufiinsa Usmaaniyyaa booda nama Turkiyaa ijaare jjedhamee laallama. Siidaan nama kanaatis bakka garagaraatti dhaabameera. Bara 2009tti Feestivaala Marmaaris jjedhamu kan wagga waggaan ayyaaneeffatamu daaw’achuudhaf tuuristoonni hedduun gara Turkiyaa imalanii turan.
Feestivaalli kun naannoo siidaa Ataaturk biratti kabajama. Namuu feestivaala san laalaa bashannana. Namichi Tomas Strong jjedhamu garuu waan namni tokkoo amma dura hin raawwatin dalage. Ummata duratti ol bahee siidaa Ataaturk irratti qulqullaayuu jalqabe. Kana booda ummanni ija diimessee itti garagale. Akka carraa ta’ee Poolisoota ayyaanaaf achitti walitti qabamantu jiraaf lubbuun namtichaa hafte. Poolisoonni saffisaan iddoo sanii fuudhanii buufata xayyaaraa geessuun gara England akka deebi’u godhan.
Dargaggeeyyii sababaa bareedinaatiif poolisaan qabaman
Dargaggeeyyiin 3 Emireets irraa ka’anii gara Sa’ud Arabiyaa imalan. Kaayyoon isaaniitis agarsiisa aadaa sa’udii wagga waggaan geggeeffamurratti hirmaatuudhaaf ture. Lammii UAE waan ta’aniif gara Sa’udii seenuuf heddus hin rakkanne. Gara eddoo festivaalaatis deemanii turan. Haa ta’u malee sadan keessaa inni tokko bareedina addaa qaba.
Moodeelistii kan ture dargaggeessi kun ija dubartoota hedduu keessa seene. Dubartoonnis gara isaa dhufaa wal baratuu jalqaban. Kun garuu poolisoota bakka san jiraniin hin jaalatamne. Sababuma kanaaf Poolisiin dargaggeeyyii sadan battalumatti qabee bakka sanii akka deeman godhe. Hedduus osoo hin turin dargaggeeyyiin kunniin gara Abu dhabi akka deebi’an godhame.
Qophii: Abuu Ibtisaam