Icciitii bahara keessaa kaan saayinsiin dhihoo mirkaneesse.

Dachiin irra jiraannu tun parsantii 70 ol bishaaniin uwwifamtee jirti. Lafti gogaan parsantii 30 hin guutu jechuudha. Kana keessaa lubbu qabeeyyiin dhibbeentaa 95 tahan bishaan keessa jiraatu. Uumamaaleen hedduun kan dachii gubbatti arginu kun parsantii 5 qofa. Hubadhaa bineensa bosona galurraa kaasee, hanga ilbiisota boolla keessa galanii parsantii 5 qofatu lafa goggogaa irra jiraata jechuudha. Kan bishaan keessa jiraatu parsantii 95 yoo tahe, baay’ina isaa tilmaamuun nama hin dhibu.
Dachiin irra jiraannu tun dhibbeentaa 70 ol bishaaniin uwwifamtus, wanti ilmi namaa qoratee bira gahe garuu dhibbeentaa 5 hin caalu. Qaamni bishaanii dhibbeentaa 95 ol tahu, maal akka taheefi maal akka of keessaa qabu wanti beekkamu hin jiru. hanga arraan tanaatti qorannoo addeessaatiif namni 12 gara addeessaa ergamee jira. Qilee bishaan garbaa qorachuuf garuu nama afur qofatu ergame. Sunuu rakkoo guddaan xaxameeti. Keessi garba gurguddaa akkuma gadi fagaataa deemuun, dhiibbaan dabalaa deema. Qaamni ilma namaa yoo hundee garba gurguddaa gahe, akka namni qubaan tayfii mudhuysutti mudhuqee bada.
Karaa biraatiin gama battala (jala) bishaanii imaluu daran, asumatti arbi guddaan namarra ejjatuutu irra laafa. Sababaa kanaaf garboonni gurguddoon kaartaa addunyaa irratti arginu kunniin hanga arraatti ilma namaatiif iccitii tahanii turuu dandahanii jiru. saayintistiin itti dhihaatee qorachu dandahus hin argamne. Wayta qorattoonni qorannoof gamasitti imalan, waan isaan hin tilmaamintu isaan mudatee karaa deebi’an. Osoo aduun guyyaa iftu, akkuma garba keessa gadi fagaataa deemaniin itti dukkanaawaa deema. Wayta dukkana dhiisanii ol deebi’an aduun akkuma isaan dhiisanii biraa deemanitti jirti. Duumessi ykn gaaddisni mukaa kan isaanitti dukkaneessu hin jiru. garuu lakkuma qilee garbaa keessa gadi fagaataa deemaniin dukkanti hammaataa deemti. Icciitiin waan Kanaan arras saayintistootaaf hin galle. Tilmaamni gara garaa jiraatus, dukkanti garba gurguddaa keessa jiraachuun garuu dhihoo tana mirkanaawe.
Rabbiin guddaan waan dhufaafi dabraa cufa beeku garuu waan kana jaarraa 14 dura qur’aana isaa kabajamaa keessatti nuuf hime. Suuratunnuur Aayaata 40 irratti.
“Dalagaan Kaafiraa hamtuun akka dukkana Jabduu bahara akkaan gad fagoo keessatti namatti dhuftee fakkaatti. Kan bahara san danbaliin hagooydu. Kan danbalii san gubbaan danbaliin gubbaa jirtu. Kan danbalii lammeeysaa gubbaan duumessi jiru. dukkana hedduu wal gubbaa jirtu. Namni waa laalu hoggaa dukkana san keessatti harka isaa ol fuudhee laaluu, argutti hin dhihaatu. Harki isaa akkaan isatti dhihoo tayuu wajjiin. Namni Rabbiin isaaf hin ibsin, ifaa takkallee hin qabu.” Jedha.
Jaarraa 14 dura yeroo yeroo warri lixaa dukkana keessa ture sanitti, Rabbiin guddaan karaa ergamaa isaatiin dubbii ajaa’ibaa tana nuuf hime. Sababaa dukkana bahara keessattiif saayintistoonni waan takka qorachuu dadhaban. Humni dhiibbaa bahara jala jiruus akkaan jabaadha. Haala Kanaan Rabbiin guddaan Nabiyyii isaa kan barreessuufi dubbisuu hin beeyne, kan gammoojjii arabaa malee bahara hin beeyne irraan dhaamsa ajaa’ibaa tana nuuf dabarse. Subhaan ALLAAH.
Akka saayintistoonni jedhanitti, Ilma namaa gara qilee baharaa erguurra, gara hawaa erguutu irra laafa. Namni bahara jala taree hundee dhaqqabe waan Arbi 100 mataa gubbaa isa dhaabbataa jiru itti fakkaata. Harkisni lafaa hundee baharaa jiru dachaa kumaatamaan kan dachii gubbaa jiru caala. Gara hawaa namni imale garuu dhiibbaa tokkollee hin argu. Inuma waan qaamni irra jiruu itti hin fakkaatu.
Qophii: Abuu Ibtisaam