header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Allaatti kophaa ofii lafa hektaara 3 irra jiraatu- Grouse

Uumamni kun Giroos jedhama. Giroos handaaqqoo ykn lukkuu nuti horsiifnuun wal fakkaataadha. Sanyiin allaattii kana 18 yoo ta’u, hunduu naannoo heemsifeera kaabaa akkasumas dachii Arktiik circle jedhamu keessa jiraatu.

Giroos allaattii guddaa yoo ta’u, dheerinni isaa seentimeetira 30 hanga 95 ta’a. ulfaatinni isaatis haga KG 6.5 ta’a. guddina qaamaatiin ammoo Kormaan dhaltuu ni caala. Allaattiin kun baallii isaa irraa halluu barruu kan qabu yoo tahu, yeroo garii Halluun baallii isaa bifa garagaraa qabaachuu danda’a. Fakkeenyaaf gariin isaa diimaa yoo ta’u, gariin ammoo magaala, gariin daalacha ta’uu danda’a. akkasumas bifa barruu fi sarara garagaraatis baallii isaa irraa qaba.

Giroos qaama furdaa fi gabaabaa ta’e qaba. Akkasumas miilli isaa gabaabaadha. Miilli isaa kun baallii fi rifeensa ofirraa qaba. Miila isaa qofa osoo hin taane, qubbeenii fi qoffeen isaatis baallii fi rifeensaan uwwifamee jira. Rifeensaa fi baalliin qaama garagaraa irratti akkanatti baay’ate sababaa malee waan argamee miti. Akka warri awaamaa wanti hundi akka tasaa argame jedhan sanis waan tasa biqilee miti. Rabbiin guddaan ogeessi ogummaan isaa humaanuu hin daangeffamne, kan waan fedhe lafaa kaasee argamsiisuu danda’u, allaattii kana dachii heemsifeera kaabaa keessatti uume. Lafti gara heemsifeera kaabaa jiru ammoo hedduminaan qabbanaawaadha. Kanaafuu uumama dachii qabbanaawaa irra jiraatuuf ammoo qaama akka warra dachii oowwaa irra jiraatuu kennuun haqaa miti. Sababa kanaaf Rabbiin keenya allaattiin kun dachii qabbanaawaa heemsfeera kaabaa akka dandamatuuf jecha rifeensaa fi baallii heddummeessee itti kenne. Dachiin kun lafa cabbii waan heddumaatuuf, kotteen allaattii kanaa akka cabbii jala seenaa deemsaaf isa hin rakkifneefis, rifeensaa fi baallii itti godhe. allaattiin kunis Badhaasa Rabbii guddaa irraa argate kanaan, cinqii fi rakkoo takkaan maletti dachiin sun osoo itti hin qabbanaawin akkasumas, osoo cabbiiin isa hin rakkisin jiraachuu danda’a.

Giroos hedduminaan lafa irra jiraata. Soorata isaatis lafuma keessa deemee barbaaddata. Yeroo gabaabaaf samii keessa barrisuu kan danda’u ta’us, sababa guddina qaama isaatiin garuu samii gubbaa deemsa dheeraa deemuu hin danda’u. Allaattiin kun soorata gosa lachuu soorata. ilmooleen xixiqqoon ammoo ilbiisotaa fi raammoolee garagaraa baay’inaan sooratu. Allaattiin gurguddaan ammoo biqiltootaa, marga, firiiwwanii fi muduraalee garagaraa sooratu. Akkuma inni waa sooratutti innis gama biraatin soorata uumama biraati. Kanaafuu bineensota isa adamsan jalaa akkasumas, yeroo qilleensi akkaan ulfaatutti boolla iinchii 10 fagaatu cabbii keessa gad qotuun dhokataa jiraata. Diinni hamaan uumama kanaa jeedala, Saree fi Allaattiiwwan gurguddoo kanneen birds of prey jedhaman yoo tahan, ilmi namaatis hamma murtaayeenis ta’u uumama kana adamsee soorata. Haa ta’u malee lakkoofsi allaattii kanaa dabalaa jira malee hir’ataa hin jiru.

Allaattiin kun kopha kophaa jiraata. Hunduu qubsuma isaa tolfatee kan jiraatu yoo ta’u, qubsumni allaattii tokko hektaara 2fi walakkaa hanga 3 fi cinaa ta’a. kormaan lama ykn dhaltuun lama ollaa wolii hin jiraatan. Qubsuma dhiiraatti aanee qubsuma dhaltuutu jira jechuudha. Haa ta’u malee yeroo qilleensi akkaan qabbanaawutti walitti dhufuudhaan garee xiqqoo uumanii wal oowwisaa waliin sooratu.

Walqunnamtiin wal hormaataa hedduminaan waqtii arfaasaa keessatti raawwatama. Yeroo wal qunnamtii wal hormaataa raawwatuu barbaadan kana, warri dhiiraa baallii isaanii fi boca qaama isaanii jijijjiiruudhaan dhaltuu duratti shubbisu. Sagalee garagaraatis dhageeysisaa wal dorgomu. Kana booda kan dorgommii moohatee ykn kan dhaltuun sun filatteefii dhaltuu jiddutti walqunnamtiin walhormaataa raawwatama. Yeroo gabaabaaf eega waliin turaniin booda, dhaltuun goojjoo kophaa hanqaaquu keessatti buustu tolfachuudhaaf bakka jiraatturraa fageenya maayilii walakkaa deemuun ijaarti. Goojjoon kun kubbaayyaa kan fakkaatu yoo ta’u, dagaletti iinchii jaha bal’ata. Gara gadii ammoo iinchii 3 dhooqata. Goojjoon kunis marga irraa ijaarama. Allaattiin tun goojjoo ijaarratte kana keessatti torbaan lama keessatti hanqaaquu 8 hanga 12 buusti. Kana booda guyyaa 24f hanqaaquu kanniin hammattee cuucii keessaa yaafti.

Ilmooleen tunniin guyyama killee keessaa bahan san irraa kaasee jireenya kophaa jiraatuu ni danda’u. gaafa guyyaa 5 guutan fageenya gabaabaa barrisuu ni danda’u. gaafa guyyaa 10 guutan ammoo haga maayila 4 haadharraa fagaatanii soorata ofii barbaaddatuu jalqabu. Walumaa galatti gaafa dhalatan irraa kaasee, haadha irraa fagaatanii of jiraachisuu ni danda’u jechuudha. Ogummaan Rabbii keenyaa waan himamee hin dhumne. Rabbiin warra dandeettii isaa beekee dhugaan isatti amanee milkaawurraa nu haa godhu.

Back to top button