header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Boohartii

Bineensota Soorata Malee Yeroo Dheeraa turuu dandahan.

Tana Quba Qabduu?

 

Raacha

Waqtii ganni galu dachiin Roobaan jiitee, biqiltoonni gosa hedduu biqiluu eegalu. Ilbiisonniifi lubbuqabeeyyiinis wayta kana dachiirratti baayyatu. Wayta ganni dabree roobni dhaabbatu ammoo, biqiltoonnis goggoguu eegalu. Ilbiisonniifi lubbu qabeeyyiin hedduunis gara lafa jiidhina qabuu godaanu. Yeroo lafti gannaa sagaleen Raachaa bakka hundaa dhagahama. Raachi yeroo gannaa heddummaatee ganda hunda keeysaa iyyu sun, wayta roobni dhabamu garam akka baqatu quba qabduu?

Raachi garamuu hin baqatu. Haala uumama addaa Rabbirraa badhaafamee jira. Yeroo dachiin goggoydee dhaphiin bishaanii lafarraa dhabamu, Raachi Hibernate godha. kana jechuun bakkuma jiru sanitti goggoga. Ijji isaatis gama keeysaa deebitee goggoydi. Qaamni isaa hundi akkuma bineensa du’eetti goggoga. Garuu lubbuun keeysuma jirti. Raacha Hibernate godhe osoo akka tasaa argitanii, du’ee jira jettanii bira dabritan malee, Raacha lubbuu qabu jettanii Abadan tilmaamuu hin dandeeysan. Haala kanaan Raachi nyaataafi dhugaatii malee baatii hedduuf turuu dandaha. Gaafa samiin rooba buustee dachiin mayra biqilchuu eegalte, Raachi hundi bakka goggogee dammaquu eegala. Kanaaf sagaleen raachaa kan baatii hedduuf dhabame, yeroma takkaan ganda hunda waliin gaha jechuudha.

 

Gaala

Gaalli Nyaataafii dhugaatii Malee guyyaa 40 oliif turuu akka dandahu quba qabduu? Qabatamaan akka mirkanaawetti, gaalli midhaan caalaa bishaan obsuu dandaha. Bishaan malee yeroo dheeraa turuu dandaha. Garuu soorata malee yoo hedduu ture qaamni isaa ni miidhama. Kennaan addaa gaalli badhaafame dalluu isaa keessa jira. Yeroo bishaan argate bishaan hedduu dhuga. Nyaataafi dhugaatiin hundi bifa faattii ykn coomaatiin dalluu isaa kana keessatti kuufama. Yoo soorataafi bishaan dhabame ammoo qaamni isaa dalluu isaa kanarraa of sooruu eegala jechuudha.

 

Bofa

Ajaa’ibni biroo ammoo bofa keeysatti argama. Sanyiin bofaa gariin soorata malee waggoota hedduuf turuu dandaha.  Keeysumattuu sanyiin bofaa gurguddaan bineensota qaama gurguddaa qaban waan liqimsuuf, hanga bineensi inni liqimse sun bullaawee qamatti makamutti soorata biroo soorachuu hin dandahu. Eega sooranni sun daakamee boodas soorata malee waggaa tokkoo oliif turuu ni dandahu.

 

Naacha

Naachi ammoo Soorata tokko malee hanga amata 3 jiraachuu ni dandaha. Naachi bineensa tokko yoo adamse waan takkallee irraa hin dhiisu. Gogaa, lafee, mataa, gaafa”¦. Waan qaama bineensa adamsamee irra jiru hunda liqimsa. Garaachi isaatis akkasuma dandeettii  addaa qaba. Garaachi naachaa Asiidii hedduun guutamee jira. Sababaa kanaaf Qaamni akka lafeefi gaafa bineensotaatis garaacha naachaa jalaa nagaya hin bahu. Waan dabarse hunda bulleessee daaka. Sababaa kanaaf naachi tokko eega yeroo takka adamsee sooratee booda, hanga waggaa 3 soorata malee turuu ni dandaha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button