header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
BoohartiiOdeeyfannooOduu Ajaa'ibaa

Baqataa Addunyaa Ajaa’ibsiise, Mahmuduu Gassaamaa

Mahmuuduu Gassaamaa lammii Maalii yoo tahu umriin isaa 22. Mahmuuduun baqqattoota lammiilee Afrikaa heddu waliin  baatii muraasa dura karaa seeraan alaatiin galaana irraan gara Faransaay cehuun, waraqaa hayyama jireenyaa malee Paaris keessa jiraata.

https://www.youtube.com/watch?v=oBwNDa9sUrc

Mahmuuduun Sabtii dabre poolisoota magaalaa Paaris dhokatee hujii barbaachaaf osoo asiif achi jooru, daa’ima Apartmantii gamoo 4ffaa irraa kufaa jiru arge.  Achi booda Saffisa nama ajaa’ibsiisuun  akka qamalee muka kortuu gamoo irraa gamotti utaalaa sakandii 30 keessatti dhaqqabee daa’ima kana baraare.  Mahmuuduun haala ajaa’ibsiisaa taheen gocha gootummaa kana eega raawwatee sa’atii muraasa booda,  maqaan isaa guutuu faransaay keessatti  “gootummaan”yaamamaa jira.

Dargaggoon kun gocha gootummaa kana akkamitti akka raawwate miidiyaaleef yemmuu himu “Daa’ima gamoo irraa gad rarra’ee kufaa jiru yemmuu argu cal’isee ilaaluu garaan na dadhabe. Ani daa’immaan hedduu jaaladha. Achi booda akkamitti akka murteesseyyuu hin beeku”jedhe.

Isniina kaleessaa Mahmuuduun masaraa biyyoolessaatti affeeramee,  Prezdantii Faransaay Imaanu’eel Makroon irraa Meedaaliyaa fi lammuummaa Kabajaa badhaafamee jira.  akkasumas dhaabbata balaa ittisa Ibiddaa paaris keessatti hujii akka argatu godhame jira. Dabalataan yeroo gabaaba keessatti lammummaan guutuu Faransaay kan kennamuuf tahuun beekkameera.

Prezdant Maakroon Mahmuuduu eega galatoomfatee booda, “eega daa’ima san baraateen booda maaltu sitti dhagahame jechuun kan gaafate yoo tahu, “daa’ima san achii fuudhee eega hammadheen booda, maaliif fooqiirraa kufuu yaalete jedhe gaafadhe, inni garuu deebisaa naaf hin kennine”jedhe. Mahmuuduun dhuma irratti  poolisoonni magaalaa paaris dhufanii yemmuu haasofsiisan, waraqaa hayyama jireenyaa waan hin qabneef muddamuu isaa prezedaantichaaf hime.

3 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button