header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
BoohartiiOduu Ajaa'ibaa

Hoolaan Gurra Keessaa Afaan Qabu Turkiyaa Keessatti Argame.

Alii Duman Turkiyaa Godina Gaaziyaanteep jedhamtu keessatti horsiisee bulaa yoota’u; “guyyaa tokko  hoolota tiyyarraa rifeensa osoo murutti jiru, wanti hedduu narifachiise tokko naqunname jechuun jalqa.

“Akkuma barame hoolataa tiyya irraa rifeensa muruu jalqabe; erga hoolota heddurraa  mureen booda hoolaa kanatti dabre. Osoo hinyaadin tasa gurra isaa waan mureef miidhama isaa hubachuuf qalbeeffadhee yoo ilaalu, gurra hoolaa keessatti Afaan argee akka malee rifadhee hollachuu jalqabe”jedha.

Haakima loonii kan ta’e  Yuusuf Yildiiz gama isaatin yoo dubbattu: Afaan gurra hoolaa keessatti uumame kun ilkaanis niqaba. akkuma afaan uumaatitti hancufaafi hoomacha kan maddisiisu yoo ta.u, liqimsituun isaa nisochooti jedhee jira. Haata’u malee afaan kun ujummoo gara garaachaa deemuun kan walhinqabanne ta’uu himee jira.

Haakimni loonii kun itti dabalauudhaan yeroo dubbattu, hoolaan kun afaan kanaan waan waa nyaatu natti hinfakkaatu; abban qabeenyaa hedduu waan sodaateef akka nuti yaallu nuuf hin hayyamne jedhe. Xumara irratti Aliin hoolaa isaa kana qaluufis ta’ee gurguruuf yaada akka hinqabne dubbatee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button