header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Gaafii muummichi ministeeraa dhiheesse irratti Dr.Nagarii Leencoo ibsa kenne.

Ministeera dhimmoota Komunikeeshiinii Mootummaa kan tahe Obbo Nagarii Leencoo, Gaafiin mummichi ministeeraa Obbo Haylamariyam Dassaleny hojjii gad lakkisuuf dhiheesse gaaffii sirriitti jedhe.

Dr Nagariin Waggoota lamaan dabran raakkoon Siyaasaa, nageenyaa fi kan birootis biyyaatti keessa jiraatuu ibsuun, Paartiin biyyattii bulchaa jiru ka’uumsi rakkoo kanaa maal akka tahe marii eegaa geggeesse booda, paartileen naannoo afranii rakkoo kanarratti akka qorannoo geggeessan ajajamuu hime. Haaluma kanaan paartileen gariin qorannoo isaanii xumuranii jiru, gariin ammoo ammas qorannoo irra jiru jedhe.
Mummichi Ministeeraatis aangoo lakkisuuf murteessuun kun rakkoolee mul’ataa jiran kanaaf furmata kahuuf tahuus ibse.

Paartiin biyyaatti bulchaa jirus yeroo gabaabaa keessatti hoggantoota isaa waliin walgahii eegga geggeessee booda, muummeen ministeeraa harawni kan filamu tahuus hime.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button