
Jaguarondiin uumama kopha kopha jiraatu yoo ta’u, hunduu qubsuma mataa isaa tolfatee jiraata. Dhiirri tokko qubsuma akkaan bal’aa ta’e qabatee keessa jiraata. Kan dhalaa garuu akkaan xiqqaadha. Qubsumni dhalaa fi dhiiraa yoo walitti maxxane ykn ammoo ollaa walii yoo ta’an, warri kunniin lamaan akka jaarsaa fi jaartiitti waliin jiraatu. Walqunnamtii wal hormaataatiifis fagaatanii hin deeman. Rimayni Jaguarondii guyyaa 70 hanga 75ii tura. Dhalaan takkas haga ilmoolee afurii dhalti. Haadhoon Jaguarondii wayta dhaluutti dhihaattu, dursitee bakka itti dhaltu qopheessiti. Sanyiin gariin boolla qotti, gariin ammoo holqa mukaa keessatti dhalti, gariin ammoo marga akkaan tuucha’aa keessatti dhali. Kun hundi ilmoolee isaanii rakkina isaan mudachuu danda’urraa eeguudhaafi.