Odeeyfannoo
Lammiileen Oromoo naannoo Somaalee irraa buqqa’uun Kaampiilee adda addaa keessa qubatan rakkataa jiraachuu ibsan.

Lammiileen Oromoo nannoo Somaalee irraa buqqifamuun iddoo gara garaatti qubsiifaman rakkataa jirachuu isaanii gabaasni BBC Afaan Oromoo irraa argame ni mul’isa. Keessaattu baqattoonnim kaampii Hammarreessaa keessa qubatan akka jedhanitti, dhiheessiin bishaanii fi mana qulqullina gayaa miti. Galmi keessa bulanis daa’immanii fi mijaawaa kan hinta’inii fi Frashiin irra rafanis warri hin argatin akka jiran gabsni kun ni mul’isa.
Gama biraatiin ammoo, loltoonni makkalaakayaa gara iddoo qubannaa isaanii dhufuun kan isaan doorsisan akka ta’ee fi asittis tasgabbii dhabuu isaanii himan.
Akka ragaan komishinii hooggansa balaa Oromiyaa agarsiisutti, lakkoofsi baqattoota Oromoo naannoo Somaalee keessaa buqqaafamanii 119,000 ol kan gaye yoo tahu, Sababa walitti bu’iinsa kanaatiin Oromiyaa keessatti namoonni qe’ee isaanii irraa buqqa’an immoo 450,000 ol gayaniiru.
Walumaagalatti sababa waraana poolisii addaa naannoo Somaaleetiin namootni 578,000 ol qe’ee isaanii irraa akka buqqifaman ragaan komishinichaa ni mul’isa.
Yeroo ammaa kanatti lakkoofsi buqattotaa kan diqqaachaa dhufe yoo tahu , ammas buqqifamuun itti fufuusaa Waajjirri hooggansa qophii ittisa balaa godina Harargee Bahaa himuu gabaasni kun ni mul’isa.