header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Waraanni Makkalaakayaa hooggantoota paartii Kongrasii Federaalistii Oromoo ugguruun gabaafame

Dr Mararaa Guddinaa fi Obbo Baqqalaa Garbaa dabalatee hoggantoonni Paartii KFO dhiheenya kana mana hidhaatii bahan, gara magaalaa Naqmtee imalaa osoo jiran waraana Makkalaakayaatiin kan ugguraman tahuun gabaafame. Obbo Addisuu Bullaallaa gaazexaa Addis Standardiif akka himetti, hooggantoonni Paartichaa affeerraa ummanni magaalaa Naqamtee guyyaa boruu isaanii qopheesse irratti argamuuf gara magaalattii imalaa osoo jiran, magaalaa Guutee keessatti kan ugguraman tahuu beeksise.

Obbo Addisuun bilbilaan akka himetti , ganama har’aa magaalaa Amboo irraa jaarsolii biyyaatii fi hoggantoonni paartichaa dhiheenya kana mana hidhaatii bahan gara Naqamtee yeroo imalaa turanitti, magaalota heddu keessatti ummataan  simannaan kan isaanii godhamaa ture akka tahe ibsuun, magaalaa Guutee tan magaalaa Naqamteetti dhihattee argamtu yeroo gahanitti waraanni makkalaakayaa hin dabritan jechuun sa’aatii afurii oliif isaan uggurree akka jiru ibse.

Odeeyfannoo birootiin ammoo waraanni makkalaakayaa magaalaa Dambii Doolloo keessatti ummata magaalattii irratti dhukaasuun yoo xiqqaate namoota jaha kan madeesse tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button