Haleellaan mootummaan Suuriyaa naannawa Guutaa Bahaa keessatti raawwatu ammas itti fufee jira
Dhaabbanni mootummoota gamtoomanii Sabtii kaleessaa mootummaan Suuriyaa naannawa finciltoonni too’atan irratti haleellaa jalqabe guyyoota soddomaaf akka dhaabu sagalee guutuun kan murteesse tahus, mootummaan Suuriyaa murtii san diduudhaan haleellaa itti fufeera.
Yaada murtii mootummoota gamtoonii Siwiidinii fi Kuweeyt gamtaan dhiheessan san irratti, mootummaa fi finciltoonni dhukaasa dhaabanii namoonni 700 ol tahan kanneen madaayan gara yaala itti argatanitti akka geeffamanii fi gargaarsi nyaataa fi bishaanii gara naannichaa akka seenu kan gaafatu tahuun beekameera.
Haata’u malee Alhada har’aa waraanni mootummaa Suuriyaa lafoo fi xiyyaara waraanaatiin naannawa Guutaa Bahaa,Dumaa, Almarj fi magaalota biroo heddu keessatti haleellaa kan raawwataa jiru tahuu gabaasni Anaadooluu Niiwus irraa argame ni ibsa.