Hooggantoonni Ameerikaa fi Kooriyaa Kaabaa wal arganii mari’achuuf waliigalan.

Prezdaantiin Ameerikaa Donaald Traamp affeerraa marii prezdaantii Kooriyaa Kaabaa irraa dhufeef kan fudhate tahuu beeksise. Traamp akka jedhetti affeerraan prezdaantii Kooriyaa Kaabaa Kim-Jong Un irraa isaaf dhihaateef, dhimmaa Niwukilarii hir’isuu fi yaalii misaa’elaa Koriyaan Kaabaa gaggeessaa jirtu irratti hooggantoonni lamaan qaamaan wal arganii mari’achuuf akka tahe beeksise.
Traamp affeerraa kana ilaalchisuun gama Twitter isaatiin yaada Sabtii har’aa kenneen, “Kooriyaa kaabaa waliin waliigaltee cimaa irra ni geenna jedhee amana. Waligalteen yoo milkaahe ammoo kan addunyaa guutuu fayyadu taha. Yeroo fi iddoon walgahii keennaa fuulduratti kan murtaahu ta’a”jedhe.
Mariin amma yaadame kun yoo milkaaye, marii hoggantoonni biyyoota lamaanii kallattiidhaan wal argauun gaggeessan kan jalqabaa taha. Traamp taayitaa eega qabatee asitti hoggantoonni lamaan dhuufaan wal arrabsuu dabalatee, biyyoonni lamaan humna waraanaa fi meeshaa Niwukilarii qabaniin walitti dhaadataa turuun isaanii niyaadatama.