header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Prezdaant Donald Tramp aangoo irraa buusuuf ragaan ga’aan jiraachuu ibsame

Miseensonni Kongirasii Ameerikaa Partii Dimokraatotaa irraa tahan, Prezdaant Tramp fedhii biyyattii caalaa kan dhuunfaa isaatiif dursa kennuun, amalli badaan Waayit Haawus keessatti agarsiisu qofti aangoo irraa isa buusuuf ragaa ga’aadha jedhan. Koreen qorattoota yakkaa dimokraatotaan durfamu gabaasa dhiheesseen, “Keessattuu Traamp dhimma biyya biroo keessa harka galfachuun, filannoo bara 2020 marsaa lammaffaaf moo’achuuf haala mijeeffataa waan tureef, gochi kun faayidaa biyyaa caalaa kan dhuunfaa isaa durfachuu agarsiisa”jedhan.

 

Gabaasni qorannoo koreewwan dhimmi ilaaluuf dhiyaataa jiru kun, dhuma irratti mana mareetiif dhihaatee Tramp aangoo irraa kaasuuf adeemsa barbaachisaa tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Haaluma kanaan gabaasni kun gara Koree Kongirasii dhimmi ilaaluutti geeffamuun, guyyaa har’aa himannaan Tramp aangoo irraa buusuu ifatti dhiyaachuu kan jalqabu tahuu ibsame.

 
Prezdaant Traamp garuu yakka tokkollee kan hin hojjatin tahuu himuun, qorannoo aangoo irraa isa buusuuf geggeeffamaa jiru kana shira siyaasaa sobaan narratti xaxamaa jiru jechuun haalaa ture. Miseensonni Paartii Ripaablikaanotaa gama isaaniitiin, “gareen qorattoota yakkaa ifaan ifatti yakka Tramp dalage mul’isuu hin dandeenye, akkasumas guutuun gabaasa qorannoo osoo hin dhihaatin dura, Prezdaant Tramp irratt himannaa banuun adeemsa sirriitii miti”jechuun qeeqaa jiran.
Haata’u malee Kongirasii Ameerikaatti Koreen dhimma basaasaa, gabaasicha deeggarsa sagalee 13 fi mormii 9tiin raggaasisuun gara Koree Mana Maree Haqa raawwachiisutti dabarsee jira.

 

Kanuma hordofuun Paanaaliin dhimma haqaa ammo, ogeessota heera mootummaa afur dabalatee gabaasicha dhaggeeffachuun, adeemsi Prezdaanticha aangoo irraa buusuu akkmitti raawwatamu qaba, yaada jedhu irratti Arba’aa har’aa ilaalcha hayyootaa dhageeffataa jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button