AL-QUDS

December 20, 2017

December 15, 2017
- Mormii Biyyoota adda addaa keessatti godhamaa oole: Biyyoota addunyaa heddu keessatti labsii Ameerikaan Al-Qudsi ilaalchiftee baafte balaaleffatuun mormiin gaggeeffamaa oole.
- Murannoo Erdoogaan: Erdogaan Murtii Ameerikaa Fudhatama dhabsiisuuf Turkiyaan kan hojjattu ta’uu beeksise. Prezdaantiin Turkiyaa ummata kutaa Anaatooliyaa magaalaa Konyaa keessatti murtii Ameerikaa mormuun baheeef haasawa gama Teleconfaransiitiin godheen “Mootummoota gamtoomanitti, biyyoonni miseensa mana maree nageenyaa ta’an labsii Ameerikaa fudhatama akka dhabsiisan Turkiyaan ni gaafatti, kunis yoo milkaahuu dhabe, kora waliigala mootummoota gamtoomanii irrattis ni dhiheessina” jechuun dubbate.
- Walitti Bu’iinsa Falasxiinotaafi Waraana Israa’eel: Waraanni Isra’elii fi Lammiileen Falasxiin walitti bu’an. Loltoonni Isra’eel lammiilee Falasxiin jum’aa hardhaa mormii gaggeessaa turan irratti dhukaasuun namoota sadi ajjeessan. Namoonni ajjeefaman kunniin tokko magaalaa Gaazaa keessatti yoo tahu, namoonni lama ammoo West Baank keessatti ajjeefaman. Labsii Traamp kan Al-Qudsi/Jerusalem “magaalaa guddoo Isra’eel” jedhu hordofuun, lammilee Falasxiin kumaatamaan lakkaawaman dabalatee biyyoota addunyaa heddu keessatti guyyaa hardhaa mormiin cimaan gaggeefameera.
- Himannaa Iiraan: Ameerikaan xiyyeeffannaa ummatni addunyaa dhimma Al-Qudsi irratti godhaa jiru jijjiiruuf yaala jirti jechuun Iiraan yakkite. Mootummoota Gamtoomaniitti Ambasadariin Ameerikaa, Iiraan waliigaltee Niwukilarii cabsuu isii ragaa hin haalamne qabna jechuun guyyaa kaleessa himatte. Kanuma hordofuun Jum’aa hardhaa Mootummoota Gamtoomanitti Ambaasaddarri Iiraan deebisaa kenneen, Ameerikaan xiyyeeffannaa ummatni addunyaa dhimma Al-Qudsi irratti godhaa jiru jijjiiruuf yaala jirti jedhe.
- Ibsa Gamtaa Awrooppaa: Isra’eel dachii Falasxiin kan humnaan qabatte irratti ijaarsa seeraan alaa kan itti fufte tahuu Gamtaan Awurooppaa beeksise. Ijaarsi seeraan alaa Isra’eel E1 jettee moggafte, kutaleen Weest baank fi Al-Qudsi akka addaan muramanitti kan karoorfame akka ta’e gabaasni gamtaa Awrooppaa kun ni ibsa. Isra’eel gandoota lammilee Falasxiin diiguu akka itti fufteefi Qubattoota Yahuudotaatiif ammoo daandii gurguddaa fi manneen jireenyaa bal’inaan kan ijaaraa jirtu tahuu gabaasichi ibseera. Daandii Ijaaramaa jiru kun magaalota Falasxiin lamaan; Ramaalaah fi Beeytalaham kan walqunnamsiisu tahus, magaalaa Al-Qudsi irraa dabsuudhaan kan ijaaraamaa jiru tahus gabaasni guyyaa hardhaa bahe ni mul’isa. Akka gabaasa kanaatti naannawa Al-Qudsi/jerusalem qofatti Isra’eel dachii humnaan qabatte irratti lammiilee isii 208,000 ol ta’an qubsiiftee jirti.
- Ameerikaan Imbaasii isii biyyoota jaha keessa jiraniif akeekkachiisa baafte: Imbaasiiwwan Ameerikaa biyyoota jaha kessatti argamaniif akkeekachiifni kan kenname yoo tahu, biyoonni jahan mormiin Imbaasii Ameerikaa duratti juma’aa hardhaa ni gaggeefama jedhame, Kabul-Afgaanistaan, Kuwalalampuur-Maleezhiyaa, Tookiyoo-Jaapaan, Waarsoo-Poland, Budapest-Hangaarii fi Qonsilaa Ameerikaa Nepils-Xaaliyaaniiti.
Qondaaltonni Japaan Imbaasii Ameerikaa Tookiyoo keessatti argamuuf akeekkachiisa erganiin, mormiin namoota 300 ol hirmaachisu murtii Ameerikaan Al-qudsi/Jarusalem ilaalchisuun baafate balalefachuun Juma’aa hardhaa kan karoofame tahuu beeksisan.Muummichi ministeera Maleezhiyaa duraanii Mahatiir Muhammad murtii Traamp balaalefachuun, mormii guyyaa hardhaa Maleezhiyaa magaalaa Kuwalalampur keessatti gaggeefame irratti haasawa godhe. Dr Mahatiir Muhammad yeroo ammaa manguddoo wagga 93ti.
- Buufatni daangaa gaazaa tii fi Isra’eel jidduu jiru baname: Isra’eel Buufataalee daangaa Gaazaa fi Isra’eel jidduu jiru Khamiisa dheengaddaa cuftee turte. Guyyaa hardhaa buufataalee lamaanuu kan bante tahuu miidiyaaleen Isra’eel gabaasan.
- Hamaas labsii Traamp Alqudsi ilalchisee baase, lammiileen Falasxiin hadheeffatanii akka morman guyyaa hardhaatis waamicha godhe.
December 13, 2017

Gamtaan Biyyoota Islaamaa dhimma Al-Qudsi ilaalchisee walgahii Ariifachiisaa magaalaa Istaanbul keessatti geggeessaa jiruun “Al-Qudsi magaalaa guddoo Falasxiin” jechuun mormii tokko malee labse.Walgahii kana irratti Sa’udii fi biyyoonni Arabaa michuu isii tahan dipilomaatota sadarkaa gad aanaatiin waan hirmaataniif, walii galteen akkana cimaa ta’e irra hin gayan yaadni jedhu akka tureefi, haata’u malee biyyoonni miseensa gamtichaa waldhabdee isaan jidduu jiru moggatti dhiisuudhaan, dhimma Al-Qudsi irratti waliigaltee akkanaa irra gahuun isaanii labsii Traamp fudhatama kan dhabsiisu akka tahe gabaafameera.Wixinee labsii kanaan biyyoonni idil-addunyaatis Magaalaan Al-Qudsi magaalaa guddoo Falasxiin tahuu beekkamtii akka kennaniif waamicha kan dabarse akka tahee fi labsii Donaald Traamp haala cimaa ta’een balaaleffateera. Gamtaan biyyoota Islaamaa (OIC) biyyoota 57 miseensummaan kan hammate tahuun ni beekkama.

Gamtaan Biyyoota Islaamaa dhimma Al-Qudsi ilaalchisee walgahii Ariifachiisaa magaalaa Istaanbul keessatti geggeessaa jiruun “Al-Qudsi magaalaa guddoo Falasxiin” jechuun mormii tokko malee labse.
Gamtaan biyyoota Islaamaa dhimma Al-quds irratti walgahii Ariifachiisaa jalqabe

Walgahii ariifachiisaa Gamtaan biyyoota Islaamaa guyyaa har’aa magaalaa Istanbul keessatti jalqabame kana Turkiyaan kan yaamte yoo tahu, labsii Traamp magaalaan Alqudsi/Jerusalem “magaalaa guddoo Isra’eel” jechuun labse balaaleffatuun akka ta’e gabaasni arganne ni mul’isa.
December 12, 2017
Dardara ganna 16 Waraana 20’n
Gootichi Footoo irratti argitan kun Fawzii Al Juneydii jedhama. umriin isaa 16. Waraana Israa’el kan meeshaa waraanaa guutuu hidhatee isa ajjeesuuf itti dhufe dhagaan darbannaan qabame. gurbaa tokko nama 20n Qabanii ija hidhanii eega hedduu tumanii booda mana hidhaatti darban. footoon kun torban kana keeysa Miidiyaalee hawaasummaa irratti faca’ee addunyaan irraa haasawutti jirti. Eega Doonaald Traamp magaalaan Al-Quds magaalaa guddoo Israa’eel tahuu labsee booda, hanga ammaatti falasxiinonni 16 ol waraana israa’eliin hidhamaniiru. namoonni 4 ol ajjeefamanii 700 ol ammoo miidhamanii jiru. Rabbiin guddaan Haqa warra haqaatiif haa deebisu.

Haleellaa Xayyaara Israa’eliin gaazaa irratti Raawwatameen, Falasxiinonni lama Ajjeefaman.
Raashiyaa fi Turkiyaan, Murteen Traamp nagaya booressuu malee faaydaa hin qabu jedhan
December 11, 2017
Murtii Traamp waa’ee Magaalaa Al Quds irratti dabarse hordofee, mormiin jiru addunyaa waliin gahutti jira. Eeshiyaa irraa kaasee hanga Afriikaa fi Awurooppaatti, Muslimooni Murtii kanatti dallanan dirretti bahanii mormii isaanii bifa garagaraatiin ibsataniiru.Murtii Traamp waa’ee Magaalaa Al Quds irratti dabarse hordofee, mormiin jiru addunyaa waliin gahutti jira. Eeshiyaa irraa kaasee hanga Afriikaa fi Awurooppaatti, Muslimooni Murtii kanatti dallanan dirretti bahanii mormii isaanii bifa garagaraatiin ibsataniiru.Alhada kaleessaatis mormitoonni kumaatamaan laakkawaman alaabaa Falasxiin qabachuudhaan, deeggarasa ummata Falasxiiniif qaban ibsaniiru.Murtiin Traamp Roobii darbe dabarse kana, haga ammaatti Israa’el yoo taate malee namni deeggaru tokkollee hin argamne. Hooggantoota irrraa kaasee, namoonni garagaraa mormii isaanii haala garagaraatiin ifa godhaniiru. Hiriirri Falasxiin keessatti eegalame haga ammaa hin dhaabbanne.Akka dhaabbanni Fannoo diimaa Falasxiin beeksisetti, Alhada kaleessaa dhukaasa loltootni Israa’el Falasxiinota West Baank fi Gaazaa keessatti hiriira bahan irratti bananiin, namoonni 157 madaayaniiru. Guyyaa hiriirri jalqaberraa hanga kaleessaatti Gaazaa keessatti Falasxiinonni 4 ajjeefamaniiru.Biyya Lubnaan Magaalaa Beeruut keessattis hiriirtonni poolisootaan walitti bu’aniiru. Hiriirtonni gara Imbaasii Ameerikaa deemanii mormii isaanii dhageeysisuuf yaalanis, loltoonni mootummaa garuu akka garas hin deemne isaan dhoorkan. Kana booda dallansuudhaan alaabaa Israa’elii fi Ameerikaa ibiddaan gubanii, poolisootattis dhakaa darbataniiru. Poolisiinis bishaan danfaa fi gaasii imimmaanii dhukaasuun, hiriirtotni gara Imbaasii akka hin deemne dhoorkeera.Mormitoota keessaa Adnaan Abdullaah, “Murtiin Traamp haga namoonni akka kiyyaa kunniin lubbuun jiranitti dalagaa irra hin oolu”jechuun gaazexeessitootaaf ibse. Dargaggeessi biraatis, Mootummaan Lubnaan Ameerikaa cinaa dhaabbachuu isaa balaalleeffachuudhaan, “Hooggantoonni tokkoon isaaniillee nu waliin hin jiran. Biyyoonni Arabaatis nu deeggaraa hin jiran. Yaa Rabbi! Nuti Alaabaa Falasxiin olkaasna”jedhe.Ministeeronni dhimma Alaa biyyoota Arabaatis guyyaa Alhadaa walitti qabamuun, Traamp Murtii isaa akka haquufi, dhaabbanni mootummoota gamtoomaniitis tarkaanfii Ameerikaa kana akka balaalleeffatu gaafataniiru.
Indooneeshiyaa: magaalaa Jaakaartaa keessattis hiriirtonni kuma 5 ta’an Alaabaa Falasxiin qabatanii, Imbaasii Ameerikaa duratti guyyaa lammaffaaf hiriira bahuun mormii Murtii Traamp irratti qaban ibsataniiru. Namoota Hiriira kana qindeessan keessaa Nuurjannaah Nurwaanii, “Haasofni hooggantoonni haasawan qofti nu hin quubsu. Dhaabbileen gurguddoon addunyaa dhiibbaa garagaraa gochuun Murtiin kun akka haqamu taasisuu qabu”jedhe.
Preezidaantiin Indooneeshiyaa Jookoo Widoodootis Murtii Traamp mormuun, Ambaasaaddarri Ameerikaa Jaakaartaa jiru dhimma uumame irratti ibsa akka kennu gaafatee jira.
Turkiyaattis namootni kumaatamaan laakkawaman Alaabaa Turkiyaa fi Falasxiin qabatanii dirretti bahuun mormii isaanii dhaggeeysisaniiru.
Eega gaafa Murtiin kun dabarfamerraa kaasee Preezidaantiin Turkiyaa Erdogaan mormii isaa haalaan ibsaa jira. Murtii Traamp kanas ‘Murtii Qullaa Gatii hin qabne’ jechuun haga xumuraatti kan falmatu ta’uu beeksise. Biyyoonni Islaamaatis dhimma kanarratti saffisaan akka mari’atan waamicha godheera.
Morookoo: Magaalaa Raabaat keessatti hiriirtonni dallansuu Murtii Traamp irratti qaban dhaggeeysisaniiru. Miseensooni mootummaa, dhaabbileen mormitootaa, warroonni Amantii leellisanii fi balaalleeffatanis, gamtaan dirretti bahuun mormii isaanii ibsaniiru.Indiyaa: Kutaa Kaashimir keessatti ammoo jiraattoonni suuqaa fi mana isaanii cufuun karaa duwwaa godhanii mormii isaanii ibsatan. Yamanii fi Suuriyattis mormitoonni Murtii Traamp kan balaaleeffatan ta’uu beeksisan.Masr: Yunivarsiitii Al Azhaar keessattis barattootaa fi Proofeesaroonni mormii isaanii ibsaniiru.
Paakistaan: magaalaa Kaaraachiittis, hiriirtonni gara Imbaasii Ameerikaa deemuun mormii isaanii ibsachuuf yaalanis, poolisiin kora bittanneessaa akka of duuba deebi’an godhee jira. Qophii: Abuu IbtisaamQophii: Abuu Ibtisaam







December 10, 2017
Lubnaanitti lamiileen Falasxiin Poolisootaan walitti bu’an
Waraanni Maaleezhiyaa gama hundaan qophaahee jira. Ajaja hoggansa ol aanaa eeggachutti jirra.
Ministeera ittisa Maaleezhiyaa, Hishaamuddiin Husseen
Gamtaan Biyyota Araabaa murtii Donaald Traamp balaaleffate
December 9, 2017
Murtee Traamp hordofee mormiin jalqabame guyyaa afraffaaf itti fufee jira. Lammiileen Falasxiin West Baank fi Gaazaa keessa jiraatan loltoota Israa’el wajjiin walitti bu’aniiru. Israa’elis guyyaa kaleessaa Gaazaa irraa rokkeetni natti dhukaafame jettee xayyaaraan Gaazaa haleelte. Loltootni Hamaas lamaa fi lammiileen nagayaa lamas haleellaa xayyaaraa kanaan ajjeefamaniiru. Hiriira mormii guutummaa Falasxiin keessatti godhamaa jiru kanaan haga ammaa namoonni 900 ta’an madaahuu isaanii dhaabbanni fannoo diimaa beeksisee jira. Guutuu Dubbisi…
Haleellaa Boombii Gaazaa irratti raawwatameen, lammiileen falasxiin hanga 2 ajjeefamanii, 20 ol ammoo madaayuun gabaafame.
Fincilli Falasxiinotaa ammas itti fufee jira. baay’inni namoota miidhamaniitis dachaan dabale.
December 8, 2017
Labsii Prezdaantiin Ameerikaa Al-Quds magaalaa guddoo Isra’eel jechuun baase hordofuun mormiin cimee itti fufee jira.
Lammiileen Falasxiin guyyaa sadiif mormii cimaa kan geggeessaa jiran yoo tahu, mormii naannawa weest Baankii fi baha Al-Qudsiitti geggeeffame irratti waraanni mootummaa Isra’eel nama tokko ajjeesuun, namootni 200 ol kan miidhaman tahuu gabaasni ministeerri fayyaa Falasxiin irraa bahe ni mul’isa.
Ministeerri Barnoota Falasxiin akka Lammiileen Falasxiin bahanii fincilaan waamicha godhe hordofuun, barattooni Yuunivarsitii, manneen barnoota Sadarkaa tokkooffaa fi lammaffaa fincila kana irratti hirmaataa kan jiran tahuu gabaafameera.
Mootummoonni biyyoota adda addaatis Labsiin Traamp kun kan ummata Falisxiin fi Isra’eel jiddutti lolli akka cimu godhuu fi nageenya naannichaa booressu jechuun balaleeffatan.
Haaluma walfakkaatuun biyyoota adda addaa keessatti ummanni muslimaa Imbaasiiwwaan Ameerikaa duratti bahuun mormii cimaa dhageessisaa jiraatuu odeeyfannoo ni mul’isa.
- Magaaloota Afghaanistaan hedduu keessaatis ummanni Muslimaa Jum’aa Har’aa labsii Traamp Al Quds magaalaa guddoo Isra’eeliiti jechuun labse mormuun hiriira bahe
- Muslimoonni Indooneezhiyaa, Imbaasii Ameerikaa magaalaa guddoo Indooneezhiyaa keessatti argamu fulduraati labsii Traamp mormuun hiriira cimaa geggeessan
December 7, 2017
Lammiileen Falasxiin Labsii Doonaald Traamp Momraa oolan. walitti bu’iinsa waraana israa’eliifi lammiilee falasxiin jiddutti uumameen, namoonni haga 4 miidhamaniiru.
December 6, 2017
Doonaald Traamp Magaalaan Al-Quds Magaalaa Guddoo Israa’eliiti Jechuun Labse.
December 6, 2017
Lammiileen Falsxiin Murtii Ameerikaa mormuun hiriira mormii guyyaa sadihiif turu jalqaban
Donaald Traamp labsii “magaalaa Al-Quds/Jerusalem magaalaa guddoo Isra’eeliiti” jedhu Arba’aa hardhaa kan beeksisu tahuu Waayit Haawus eega mirkaneessee booda, biyyoonni addunyaa heddu mormii dhageessisaa jiru. Traamp karoora isaa kana kaleessa Prezdaant Mahmuud Abbaasiif kan beeksise yoo tahu, Abbaas gama isaatiin Traamp karoora isaa kana yoo kan hin dhiisne tahe, balaa hamaa kan hordofsiissu tahuu akeekkachiise.
Guyyaa har’aa December 6, 2017 ammoo Bulchiinsi Falasxiin har’a irraa jalqabee guyyoota sadiihiif “guyyaa dallansuu” jechuun labse. Haaluma kanaan guyyaa Har’aa Lammiileen Falsxiin Gaazaa fi Al-Qudsi dabalatee magaalota heddu keessatti mormii cimaa kan gaggeessaa jiran tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.
Ministeerri haajaa alaa Ameerikaan ibsa guyyaa kaleessaa baaseen, guyyoota dhufan kana keessa lammiileen biyyattii Isra’eel dabalatee gara biyyoota jiddu gala bahaa akka hin imalle akeekkachiise.
December 5, 2017
Donaald Traamp Imbaasii Ameerikaa Telaaviiv irraa gara al-Qudsitti jijjiiruuf kan karoorfate tahuu, Prezdaant Mahmuud Abbasitti bilbilaan hime.
Donaald Traamp Imbaasii Ameerikaa Telaaviiv irraa gara al-Qudsitti jijjiiruuf kan karoorfate tahuu, Prezdaant Mahmuud Abbasitti bilbilaan kan hime tahuun gabaafame.Prezdantiin Falasxiinis, gochi kun nageenya naanichaa fi nageenya addunyaatis booressa jechuun akeekkachiise.
December 4, 2017
Prezdaantiin Turkiyaa, Magaalaan Al-Quds sarara diimaa tuqamuu hin qabne jechuun akeekkachiise
December 3, 2017
Bulchiinsi Falasxiin dhimmaa Al-Qudsi irraatti walgayiin ariifachiisaan akka waamamu gaafate.
December 2, 2017
Doonald Traamp Magaalaa AL QUDS magaalaa guddoo Israa’el gochuuf sochii eegale.
Prezdaant Donaald Traamp magaalaan Al-QUDS magaalaa guddoo Isra’eel ta’uu isii beekkamtii kennuuf kan qophaayaa jiru tahuu miidiyaaleen Ameerikaa kan gabaasa jiran yoo tahu, dhimma kana torbee dhufu keessa labsuuf akka qophitti jirus gabaasni arganne ni mul’isa.
Kanuma hordofuun Dhaabbanni Hamaas ibsa guyyaa har’aa baaseen, Prezdaant Traamp magaalaan Al-QUDS magaalaa guddoo Isra’eeliiti jechuun labsii qopheessaa jiruu fi Imbaasii Ameerikaa gara magaalaa Al-Qudsiitti jijjiiruuf karoora baase akka dhaabu akeekkachiise.
Hamaas ibsa isaa kanaan, “Karoorri Ameerikaa kun Magaalaa Alquudsi to’annaa Isra’eel jala kan galchuu fi Lammiilee Falasxiin magaalaa tana keessaa akka ari’aman kan godhu waan taheef biyyoonni Arabaa Ameerikaan karoora kana akka hin raawwanne godhuu qabu” jedhe.
Donaald Tiraamp yeroo duula naa filadhaa geggeessaa turetti, Imbaasii Ameerikaa kan magaalaa Telaviivitti argamu gara magaalaa Al-qudsitti jijjiiruuf wadaa galuun isaa ni yaadatama. Dhimma kana irratti immoo Arba’aa dhufu ibsa ni keenna jedhamee eeggama.