header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Waraanni Makkalakayaa dargaggoota Sirna Awwalchaa irratti hirmaatuuf gara Calanqootti Imalan rasaasaan rukkute

Guyyaa kaleessaa waraanni Makkalaakayaa godina Harargee bahaa aanaa Meettaa magaalaa Calanqootti namoota 15 ajjeessuu Isiiniif gabaasuun keenya ni yaadatama.

Guyyaa hardhaa ammoo hawaasni godinaalee Harargee bahaa aanaalee fi magaalaalee heddu irraa,Sirna Awwaalcha isaanii  Siidaa calii Calanqootti raawwatamu irratti argamuuf, gara magaalaa Calanqootti kan imale yoo tahu, waraanni Makkalaakayaa sirni Awwalcha iddoo Siidaatti akka hin geggeeffamne dhoorkuun iddoo adda addaatti kan raawwatame tahuu maddeen naannawa irraa dubbisne nuf himan.
Akka namni nuti bilbilaan nannawa irra dubbisne nuuf himetti
“Waraanni Makkalaakayaa konkolaataa Oraalii lama gutuun iddoo Siidaa marsuun akka ummanni hin seenne waan dhoorkeef sirni awwaalcha namoota 9 iddoo kiloomeetira 5 siidaa Calanqoo irraa fagaatutti akka raawwatame fi kan Namoota hafanii ammoo gandoota biroo keessatti raawwatame jechuun nuf “hime.

Guyyaa hardhaatis namoota Sirna awwaalchaa kana irratti hirmaachuuf magaalaalee Qobbooti fi Dadar irraa gara Calanqoo imaluuf yaalan waraanni makkalaakayaa kan dhoowwee ture yootahu, dargaggoota muraasa miliqanii gara Calanqoo deeman irratti makkalaakayaan miidhaa kan dhaqqabsiise tahuu gabaasni arganne ni mul’isa. Haaluma kanaan ijoolleen torba kanneen waraanni makkalaakayaa seensa magaalattii irratti itti dhukaasuun madeesse gara hospitaala Harar kan geeffaman tahuu maddeen keenya nuuf gabaasaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button