header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Walitti Bu’iinsa Daangaa Naannoo Amaaraa fi Affaaritti umameen masjiidni gubame

Naannoo Affaar aanaa Uwwaatti, Kamisa darbe waaree booda naannawa sa’aa 11:00 saba Amaaraa fi Affaar jiddutti walitti bu’iinsi kan ka’ee ture yoo tahu, dhalattoonni naannoo Amaaraa daangaa Affaar seenuun masjiidaa fi manneen hedduu ibiddaan gubuu maddeen gabaasaan.

 

Akka namni nuti naannawa san irraa dubbisne nuuf himetti, naannichatti walitti bu’iinsi akkasii duraanuu kan ture tahus kan amma kun garuu hammaataa tahuu nuuf hime.Walitti bu’iinsa kanaan masjiida dabalatee manneen hedduun gubatuu, akkasumas saba Affaar irraa namni tokko ajjeefamuu fi namni lama immoo dhalattoota saba Amaaraa irraa ajjeefamuun beekameera.

 
Jiraataan naannichaa kun “Qaamonni goocha kana raawwatan dhalattoota Saba Amaaraa tahanis, qaama saba lamaan waldhabsiisuuf shira xaxutu jira”jedhe.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button