header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Lammiileen Falsxiin Murtii Ameerikaa mormuun hiriira mormii guyyaa sadihiif turu jalqaban

Donaald Traamp labsii “magaalaa Al-Quds/Jerusalem magaalaa guddoo Isra’eeliiti” jedhu Arba’aa hardhaa kan beeksisu tahuu Waayit Haawus eega mirkaneessee booda, biyyoonni addunyaa heddu mormii dhageessisaa jiru. Traamp karoora isaa kana kaleessa Prezdaant Mahmuud Abbaasiif kan beeksise yoo tahu, Abbaas gama isaatiin Traamp karoora isaa kana yoo kan hin dhiisne tahe, balaa hamaa kan hordofsiissu tahuu akeekkachiise.

Guyyaa har’aa December 6, 2017 ammoo Bulchiinsi Falasxiin har’a irraa jalqabee guyyoota sadiihiif “guyyaa dallansuu” jechuun labse. Haaluma kanaan guyyaa Har’aa  Lammiileen Falsxiin Gaazaa fi Al-Qudsi dabalatee magaalota heddu keessatti mormii cimaa kan gaggeessaa jiran tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

Ministeerri haajaa alaa Ameerikaan ibsa guyyaa kaleessaa baaseen, guyyoota dhufan kana keessa lammiileen biyyattii Isra’eel dabalatee gara biyyoota jiddu gala bahaa akka hin imalle akeekkachiise.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button