Mootummaan Biraaziil Ibidda Bosona Amaazoonitti qabate dhaamsuuf deeggarsa maallaqaa Gareen biyyoota G-7 kenne hin fudhu jedhe
Hoggantoonni biyyoota duroomanii G7 jedhamuun beekaman, Faransaay keessatti kora geggeessaa kan turan yoo tahu, kaleessa xumura kora isaanii irratti ibidda bosona Amaazoon irratti qabate dhaamsuuf kan oolu, dolaara miiliyoona 22 Biraaziilii kennuuf murteessan. Haata’u malee mootummaan Biraaziil maallaqa kana kan hin fudhanne tahuu beeksise..
Ibidda bosona Amaazoonitti qabate kana hordofuun, jalqaba irratti mootummaan Biraaziil hatattamaan hin sochoone jechuun kan qeeqamaa ture yoo tahu, keessumattuu Prezdaantiin Faransaay Imaanu’eel Makroon “Bosonni Amaazoon qabeenyaa Addunyaati malee kan prezdaantii Biraaziili miti. Kanaafuu wal gahii G-7 irratti dhimmicha irratti ni mari’anna”jechuun torbee dabre Twitter irratti barreessee ture.
Mootummaan Biraaziil sababa deeggarsa maallqaa dideef ifatti himuu dhabus, Prezdantiin biyyattii Jeer Bolsonaaroo garuu, “Faransaay, Biraaziiliin akka kolonii isiitti ilaaluu feeti”jechuun isaa, dhimichi qeeqa Prezdaant Maakroon waliin kan wal qabatu tahuu odeeyfannon ni addeessa.
Ibidda Bosona Amaazoon gubaa jiru kana dhaamsuuf, yeroo ammaa Biraaziil loltoota kuma 40 ol bobbaasuun kan carraaqaa jirtu tahuus odeeyfannoon BBC irraa argame ni mul’isa.