Uumamaalee eega Mormi irraa muramee booda mataa malee jiraatan
Uumama mataan irraa muramee qaamni hafe qofti socho’u argitanii beektuu? Eeyyan Lukkuu ykn horiin eega gorra’amee booda, akkasumas bofni mataan eega irraa muramee booda, daqiiqaa muraasaaf ni socho’a jechuu dandeessu. Gaafiin akkasii miti, uumama eega mormi irraa muramee booda guyyoota hedduu jiraatu argitanii beeytu?. Kun heddu nama rifachiisa. Uumama Mormi irraa muramee mataa malee nagayaan deemu osoo argitanii rifaatuurraa naannoo sanii baqachuu dandeessu. Akkasumas onnee yeroo dheeraaf qaama keessaa baatee dhahattu yoo argitan of wallaaluu dandeessu.
Haajaa jabduuf gama Eeshiyaa naannoo Jaappaan imaltan haa jennuu! Haalaan beeloytanii bakka nyaata irraa argattan osoo barbaaddan hoteela tokkotti dhuftan. Achi booda Menu fidanii isi dura kaayan. Nyaanni menu irra jiru hundi waan isin beeytanii miti. Garuu hundi footoo nyaataa wajji kaayamee jira. Isinis Kan footoon isinitti bareede ajajjan taha. Wanti guddaan isin addaan baafattan foon booyyee qabaachuufi qabaachuu dhabuu isaa taha. Akkasumatti nyaata isinitti bareede ka foon booyyee hin qabne fidanii isin bira kaayan. Biyyoota guddatan keessatti nyaanni mi’eessituu adda addaa wajji namaaf dhihaata. Waan akka soya sos, Toamto sos fa wajji jechu. Soya sos kun mi’eessituu atara irraa dalagamu yoo tahu, tomato sos ammoo ka timaatimarraa dalagamu. Soya sos kana fuutanii nyaata isiinii fidan kanatti wayta nayxan, nyaanni qophaaye kun akka bineensa lubbuu qabuutti hollachuu eegala. Gariin ammoo utaalee sahaani irraa bu’ee achitti shubbisuu eegala. Akkam gootan?. Ajaa’iba Odorii don isinii himaa jirra!.
Odorii don maqaa bineensaa osoo hin taane nyaata biyya jaappaan keessatti beekkamuudha. Sooranni kun qurxummii bishaan keessa galu kan Squid jedhamurraa tolfama. Dabalataan biyyoota biroo keessattis octopus irraa ni tolfama. Qurxummiilee kanniin bishaan keessaa baasanii ajjeesanii eega goggoysaniin booda namaaf dhiheessu. Eegasuu wanti addaa maaliree jechuun keessan hin oolamu. Wanti addaa mi’eessituu nyaanni kun waliin dhihaatu kan Atara irraa hojjatamurra jira. Uumama du’ee namaaf dhihaate san irratti wayta SoyaSous buusan, iskuwiidichi socho’uu jalqaba.
Garuu Mi’eessituun akkamitti uumama du’e sochoosa? yoo jettan Deebiin isaa laaftuudha. Narviin qaama Squidichaa keessa jiru, eega du’een booda keemikaalota Sodiyeemii qaban waliin yoo waltuqe sosocho’uu jalqaba. kanaafuu soorata sanitti eega soya sos nayxanii booda, uumama sosocho’u ijaan ilaalaa soorattu, Yookaan dhiistanii biraa baqattu jechuudha.
Akkasuma Kooriyaa keessattis sooranni kun maqaa Sanaakjii jedhuun dhihaata. Sooranni kun tentaakiloota Oktopas irraa hojjatama. Tentaakiloonni kunniin mummuramanii Sahaanii irratti eega dhihaatanii booda, yoo soya sos itti naqan teentaakiloonni shubbisuu jalqabu. Inumaa sahaanii irraa utaalanii bu’uu danda’u. Sooranni kun afaan keessattis sosocho’uu isaa itti fufa. Yoo of eeggannaan godhame malee, kokketti nama rakkatee ukkaamsee nama ajjeesuu danda’a. Akka qorannoon mul’isutti wagga waggaan namoonni 6 sababa soorata sanaakjii jedhamu Kanaan du’u. Haa ta’u malee namni ammas sooratuu hin dhiisne.
Mee amma Bineensota eega qaamni irraa muramee booda jiraatan haa ilaalluu.
Balballaa (bararoo)
Akka qorattoonni jedhanitti uumamni kun boombii niwuklaraatis dandamatuu danda’a. Dabalataan mataan yoo irraa murames torbaan hedduuf jiraachuu danda’a. Qorataan ameerikaa tokko balballaa eega mataa iraa muree booda qaruuraa qorannoof qophaaye keessa kaaye. Kana booda torbaan heddu booda wayta ilaalu bararoon sunniin lubbumaan jiru. Lubbu qabeeyyiin heddu yoo mataan irraa muramu dhiigatu heddummaatee yaa’a. Dhiigni jignaan ammoo uumamni sun ni du’a. kan balballaa garuu adda. Wayta mormi muramu dhiigni isaa qaamuma keessatti ititee hafa. Dabalataan qilleensa harganuudhaaf funyaan yookaan afaanitti hin haajamu. Qaama addaa kan garaacha isaarra jirutti gargaarama. Sooranni yeroo tokko sooratus yeroo dheeraaf isa tursiisuu danda’a.
Fruit Fly
Sanyiin tiisisaa kunis mataan eega irraa muramee booda guyyoota muraasaaf jiraachuu danda’a. Mataan irraa murameetis balali’uu ykn ammoo deemuu ni danda’a. Fruitfly sammuu dabalataa qaama isaa kan gad aanu keessa waan qabuuf, eega mataan irraa muramee booda guyyoota muraasaaf jiraatuu danda’a. Dabalataan qaamman biraatis laphee keessatti argamu. Fakkeenyaaf qaamni kalee keessatti argamu kan ifaa adda baafatuu danda’utu jira. Kanaafuu eega ijji mataa waliin irraa murameen boodas ifaa arguu ni danda’a jechuudha.
Mataa Bofaa
Bofaa fi sanyiin lootu qaamni isaanii eega irraa muramee booda ni sosocho’u. Kanaafuu of eeggannoo gochuun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf namichi Ameerikaa tokko osoo oyruu isaa qoqqotuu bofa arge. Kana booda akaafaa of harkaa qabuun mataa bofaa irraa mure. Mataa fuudhee alatti darbuuf taanaan harka isaa hidde. Namichis gaggabee lafa dhahe. Itti aansuun hospitaala geessan. Achittis doktoroonni dawaa farra summii 26 isa waraanan. Silaa tokko ykn lama waraanamuu qaba ture. Haa ta’u malee bofni sun summii mataa isaa keessatti hafe guutuu waan qaamatti naqeef, namichi haalaan miidhamee ture. Xumura irrattis fayyaan isaa wayyaawee hospitaalaa bahe.
Lukkuu Morma malee jiraate
Bara 1945tti namichi Looyd Olsan jedhamu handaaqqoo gorra’ee nyaatuu murteesse. Eega gorra’een booda du’a lukkuu isaa osoo eegu, lukkuun garuu ka’ee deemuu jalqabe. Namichi eegus homaa dhabe. Saa’aan heddu dabarraan namichi lukkuu san dhiisuu murteesse. Kana booda kokkee muramtee hafte keessaan aananii fi bishaan itti qicaa kunuunsuu itti fufe. Lukkuun sunis jireenya isaa itti fufe. Sagalees baasuu ni danda’a ture. Haala saniin ji’oota 18f nagayaan jiraate. Qorannoon godhame akka mul’isutti namichi jalqabuma wayta lukkuu san gorra’u ujummoo dhiigaa kan gara sammuu deemu seeraan hin murre. Sababa kanaaf dhiigni saffisaan itite. Dhiigni itite sun ammoo onneen dalagaa isii akka itti fuftu taasise. Ajaa’ibuma hin jettanii ree?
Qophii Abu Ibtisam