header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tana Quba Qabduu

Ajaa’iba Uumamaa Keessaa Muraasa

Tajaajila Arrabaa keessaa tokko soorata dhandhamuudha. Namni arraba hin qabne mi’aa soorataa adda baafatuu hin danda’u. Arrabni keenya hancufaan malee waa dhandhamuu akka hin dandeenye quba qabduu? Arrabni keenya gargaarsa hancufaa malee waa dhandhamuu hin danda’u. Namni hancufa (gorora) hin qabne soorata jiidhaa fedhes osoo sooratee mi’aa isaa adda baafachuu hin danda’u. kanaafuu waa dhandhamuuf arraba qofa osoo hin taane, hancufnis barbaachisaadha jechu.

Uumamaaleen heddu socho’uudhaaf miilatti haajamu. Daakkiyyeen garuu miila qofa osoo hin taane deeggarsa mataattis ni haajamti. Daakkiyyeen mataa isii yoo oliifi gad sochooste malee miilaan tarkaanfachuu hin dandeettu.

Naachi arraba ni qaba. Garuu arrabni isaa kun bakka jirurraa sochoosuu hin danda’u. Akka uumamaalee biro arraba isaa alatti gad baasuullee hin danda’u.

Adurreen irga isii bitaafi mirgatti sochoosuu hin dandeessu. Sochiin afaan isii oliifi gad qofa. Wayta iyyitus afaan bantee cufuu qofa dandeetti. Garuu irga isii kan gama jalaa bitaafi mirgatti hin sochoostu.

Allaattiin Hummingbirds jedhamuun beekkamtu of duuba barrisuudhaan beekamti. Garuu miilaan lafarra deemuu hin dandeettu. Akkuma of duuba barrisuun allaattiiwwan hunda caaltu, lafarra deemuu dadhabuun ammoo allaattiiwwan hunda hanqatti.

Urunguun ykn jajjuun ija isii bitaafi mirgatti sochoosuu hin dandeettu. Waan bitaafi mirga jiru laaluu yoo barbaadde morma naannessiti. Akka uumamaalee biroo ijjii isii bitaafi mirgatti hin naannawu.


Sanyiiiwwan Adurree keessaa Cheetah ykn abboo shammaaneen qeensa isaa diriirsee walitti dachaasuu hin dand’u. Qeensi isaa haalaan qaraa yoo tahu, akkuma seeyfii diriiree dhaabbata. 


Sooranni osoo rakkoo hin godhatin yeroo dheeraaf turuu dandayu dayma qofa. Daymi hanga fedhes yoo ture hin badu. Fooliis hin jijjiiratu. Mi’aan isaatis akkuma yeroo duraatti tura. Sababaan Daymi yeroo dheeraaf turuu danda’eef bishaan dhabuu isaati. daymi bishaan xiqqoollee of keessaa hin qabu. bakka bishaan hin jirretti ammoo jarmiiwwan wal horuu hin danda’an. kanaafuu daymi osoo bishaan hin tuqin qulqullinaan kaayame waggoota heddu turuu danda’a.


Ardiilee addunyaa tanaa keessaa tan volkaanoo hin qabne Awustraaliyaa qofa. voolkaanoon ardiilee biroo irratti dhoohee waa heddu balleessu, hanga ammaa Awustraaliyaa keessatti dhoohee hin beeku.

Hoosiftoota keessaa kan utaaluu hin dandeenye Arba qofa. Arbi bineensa guddaadha. fiigicharrattis haalaan jabaadha. Sa’aa tokko keessatti Kiloomeetira 40 fiiguu danda’a. dachaa 3 oliin ilma namaa caalaa fiiga jechuudha. gama humnaatiinis arbi bineensota heddu caalaa humna guddaa qaba. gabaabinaan Arbi tokko humna nama 130 olii qaba. garuu utaaluu hin danda’u.


Plaaneetota jiran keessaa kan maqaa sanamoota warri Roomaa fi Griik gabbaraniin hin moggaafamin dachii qofa. Saniin ala maqaan pilaanetoota hundaatuu maqaa sanamoota warra Roomaafi Giriikiiti. Jupitar, saatarn, Pluutoo, Maars”¦ kunniin hundi maqaa sanamaati. Warri Roomaa fi Griik pilaanetoota kanniin maqaa akkanaa itti moggaasee gabbara jechuudha.



Ardiilee keessaa tan bineensota Reptaayil jedhaman hin qabne Antaarktiikaa qofa. Reptaayil jechuun bineensota lafarra munyuukan kan akka naachaa, Qarchoo, Wakkallee, Qocaa, Jawwee, Bofaa fii kanneen birooti. Antaartikaan bineensota akkanaa tokkollee hin qabdu. sababaan ammoo qabbana isiiti. Ardiin Antaartikaa cabbiin uwwifamtuudha. reeptaayiloota keessaa kan qabbana ardii tanaa dandamachuu danda’u tokkolleen hin jiru.




Ummata addunyaa keessaa parsantii 11 kan ta’u warra harka bitaatiin waa dalagu. namoonni dhibbentaa 11 tahan harka bitaatiin kataban, bitaan sooratan, bitaan waan hunda godhan jechuudha. gabaabinaan nama 100 keessaa namni 11 bitaacha jechuudha.



Biqiltoota Rabbiin uumee lafa tanarra jiran keessaa Parsantii 85 kan ta’an bishaan keessatti argamu. Baargamoo, Hindheessa, Birbirsa, Odaa, Qilxuu, Kudraa fi Mudraa, Garbuu fi Qamadii, Mishingaa fi Boqqolloo, akkasuma biqiltoonni nuti dachii tanarratti beeynu kun dhibbentaa 15 qofa. wanti dhibbentaa 85 tahu bishaan keessatti argama. kun ajaa’ibuma hin jettanii ree?

Qophii Abu Ibtisam

Back to top button