Onnee carraa jireenyaa yeroo lammataa argattee fi Bineensa dachii tanarratti Umriin isaa 190 guute
Karaan kun haalaan fagoodha. Xayyaaraan saa’aa 4 fi daqiiqaa 50 fudhata. Makiinaan ammoo halkan tokkoofi guyyaa tokko namarraa fixa. Bill Connor deemsa kana dalagaa intala isaa dinqisiifachuu fi namoonni qaama isaanii akka arjooman barsiisuu kaayyeeffatee jalqabe. Haaluma kanaan magaalota keessa bahu hunda keessatti dhaabbatee ummata barsiisaa imala isaa itti fufe. Imala dheeraa booda Jaakiin bira gahee itti maramee hammatee booyuu eegale. Dhahannaa onnee intala isaatis, Steteskooppii doktoroonni dhahannaa onnee ittiin dhageeffatan fayyadamuun dhaggeeyfate. Namni isa dura dhaabbatu nama birooti. Onneen isa keessaa dhahattu tan intala isaati.Jonathan The tortoise jedhama. Bara 1832 dhalate. Bara kana bara 2022 umriin isaa waggaa 190 guute. Qocaan kun yeroo ammaa kanatti bineensa umrii dheeraa kan ilma namaa biratti beekamtii argate ta’ee galmaayeera. Isa dura qocaan biroo tan Tuyii Maalilaa jedhamtu waggaa 188 jiraattee jirti. Jonathan barana bineensa umrii dheeraa dachii tanaa keessaa hangafa tahee galmaaye. Gaafa Jonathan dhalaterraa kaasee Addunyaan waraana addunyaa lama gurguddaa keessa dabartee jirti. Akkasuma Mootoleen Briiteen torba aangoo qabatanii du’aniiru. Ameerikaanis Preezidaantii 40 filattee jirti.Kanniisni ilbiisa xiqqaadha. Kanniisni quba namaatiin qixa guddattu jiraachuuu quba qabduu? Sanyiilee Kanniisaa keessaa inni guddicha jedhamuun beekkamu eerga dachii tanarraa badee waggaa 30 darbeera. Akka qorattoonni jedhanitti yeroo xumuraatiif sanyiin kanniisaa guddicha jedhamuun bekkamu bara 1981 dachii irra jiraatee du’e. Sana booda sanyiin kanniisa gurguddaa kan isa fakkaatu dachiirratti mul’atee hin beeku. Amma garuu qorannoo godhameen akka mirkanaayetti, sanyiin kanniisaa guddichi Bosona Indooneeshiyaa keessatti argameera. Guddinaan dhaltuutu kormaa caala. Dhaltuun haga seentimeetira 4.5 dheeratti. Kunis haga qubni guddaan keenya dheeratu dheeratti jechuudha. Dagalettis koolli isii seentimeetira 6 ta’a. Kormaan garuu dhaltuu walakkaan hanqata. Walumaa galatti sanyiin kanniisaa kun kanniisa nuti naannoo keenyatti beeynu dachaa afuriin caala jechuudha.