header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Amantiiwwan Ajaa’ibaa

Ilaalchi ilmi namaa amantii irratti qabu kan ajaa’ibaati. Namni amantii isaatiif jecha waan danda’u hunda godha. Amanitiin nuti irraa dubbataa jirru islaamummaa ykn kiristaanummaa miti. Ilaalcha addaa sabni ykn biyyi takka itti amanturraa haasoyna. Fakkeenyaaf biyya teenya keessatti adurreen gurraattiin yoo si fuulduraan qaxxaamurte carraa hamatu si qunnama jedhamee amanama. Barruu tanaan amantiiwwan ajaa’ibaa muraasa isinii dhiheessina.

 

Chaayinaa keessatti lakkoofsi 4 jibbamaadha

Ummanni Chaayinaa lakkoofsota bakka lamatti qoodan. Laakkofsa milkiitii fi isa hammeenya fidu jedhanii qoodan. Lakkofsa hammeenya fida jedhanii amanan keessaa inni tokko lakkofsa afuri. Sababaan isaatis lakkoofsi afur afaan Chaayinaatiin ‘SII’ jedhama. Jechi kun ammoo jecha du’a jedhuun walitti dhihaata. Du’a dheessuuf jecha lakkoofsa 4 lagatan. Chaayinoonni dhimma lakkoofsa 4 kana xiyyeeffannaa guddaadhaan ilaalan. Gamoowwan biyya sanitti ijaaraman hedduun fooqii 4 hin qaban. Takkii 3 irratti dhaabbata ykn ammoo 4 bira dabruun dirqama. Akka tasaa ta’ee namoonni ilaalcha kana hin hordofne jiraachuu malu. Haa ta’u malee namni waan kana amanu lakkoofsa 4 akkaan eeggatee irraa baqata. Fakkeenyaaf Makiina taargaa isaa keessaa lakkoofsa 4 qabu yoo argan akka nutti hin buune jedhanii irraa fagaatan.

 

Ummanni Iswiidin furtuu manaa minjaala ykn table irra hin kaayan

Isin wayta alaa deebitan furtuu manaa akkam gootan? Bakki addaa kan furtuudhaaf qopheessitan jiraa? Namni hedduun alaa seenee kiisa kaayatuu ykn ammoo minjaala irra kaayuu danda’a. Kun garuu Iswiidiin keessatti fudhatama hin qabu. Akka ummata Iswiidiniitti furtuu minjaalarra kaayuun hamtuu namatti fida jedhamee amanama. Hulaa rakkinaatu namatti banama jedhama. Akka tasaa ta’ee lammii swiidin tokko wajji osoo gara manaa galtanii furtuu minjaalarratti darbitanii, namni Iswiidiin sun furtuu san fuudhee isinitti kenna; Ykn ammoo bakka biraa kaaya.

 

Ummanni kooriyaa kophee walii hin bitu ykn waliif hin kennu

Kooriyaa keessatti namni hiriyyaa isaatii waan barbaade hedduu kennuu danda’a. Haa ta’u malee haala kamiinuu kophee walii hin bitan ykn walii hin kennan. Nama kopheen jalaa badeefis hin ergisan. Wanti kun jibbaarraa ka’ee isinitti hin fakkaatin. Nama akkaan isin jaalatutu kophee isinii bituu dida. Akka amantii isaaniitti kophee yoo namaa kennan, namni sun kophee san godhatee isaanirraa fagaatuu danda’a jedhamee amanama. Yeroo hunda akka isaan bira turtan waan barbaadaniif jecha kophee isinii bituu didan.

 

Iceland keessatti yeroo cabbiin bu’utti ala taa’anii shurraaba dhahuun yeroo cabbii dheeressa jedhamee amanama

Iceland biyya gara heemisfeera kaabaatti dhihaattuudha. Sababa kanaaf jecha yeroo hedduu cabbiin uwwifamti. Ummanni ammoo cabbiin kun akka dafee irraa deemu barbaada. Haa ta’u malee yeroon isaa gahu malee way taatiiree? Ta’us gama biraatiin osoo cabbiin bu’aaru ala taa’anii shurraaba dhahuun yeroo cabbii san akkaan dheeressuu taati jedhanii amanan. Kanaafuu nama alatti shurraaba dhahu yoo argan iyyanii manatti deebisan. Namuma hula isaa fuulduratti shurraaba dhahus itti hin dhiisan.

 

Ummanni Jaappaan fuulaan ykn mataan gara kaabaa garagalanii hin rafan

Hirribni bakka haara galfiiti. Kanaafuu namni dadhabe boqonnaa fudhachuudhaaf rafuun ykn muguun waan jiraati. Jaappaan keessatti namni saa’aa dheeraaf waan dalaguuf bakka heddutti mugaa deema. Sababaa kanaaf namni dadhabe hundi taa’uu fi ciisuu isaatiin dura kallattii laallata. Makiinaa fi baabura keessattis kallattii laallateeti taa’a. haala kamiinuu mataa fi fuulaan gara kaabaa akka hin garagalleef tattaaffii guddaa godha. Jaappaanonni nama du’e yoo awwaalan mataa fi fuula isaa gara kaabaa naanneessanii boolla kaayan. Kanaafuu namni gara kaabaa garagalee rafe dafee du’uu mala amantii jedhu qaban. Namni sun yoo du’uu dhabes jiruun isaa ta cinqii taati jedhamee amanama.

3 Comments

  1. Gorsi waa’ee Gaa’ela irratti dabarsitan hedduu naf muxannoo fi barnoota guddaa kannin Irraa argadhee
    JZK Nuraalhudaa

Comment

Back to top button