header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Uumama Fedhii Fooniitiif Jecha Wal Ajjeesu

Tafakkur: Saiga

Uumamni kun sanyii kurupheeti. maqaan isaatis Saiga jedhamuun beekkama. Saigan gosa lamaa qaba. Isaanis Saiga tatarica  fi Saiga Mongolica jedhamu. Lameen isaaniituu naannoo Taataar fi Mongooliyaa waan jiraataniif maqaa kana argatan. Walumaa galatti Saigan biyyoota akka Mongoliyaa, Kaazaakhistaan, Uzbeekhistaan, Turkimeenistaan fi Raashiyaa keessatti argama. Lakkoofsi uumama kanaa haalaan xiqqaachutti jira. Yeroo ammaa kanaa Saiga kuma 50 hin caallettu bosona keessatti argama. Foon isaa soorataaf barbaadama. Gaafni isaatis dawoomaaf oola. Dabalataanis bineensota birootiin adamasama. Sababaa kanaaf  lakkoofsi isaa xiqqaachaa akka jiru beekkameera.

 

Guddina qaamaa fi boca isaa irraa wayta kaanu, Saigaan re’ee manatti horsiifanuun walitti dhihaata. Kormaan ulfaatinaa fi guddinaan dhaltuu ni caala. Dheerinni uumama kanaa eegeerraa kaasee haga qoffee Avreejiidhaan meetira tokkoo hanga meetira tokkoo fi walakkaa ni ta’a. Lafaa ol qeensaa haga ceekuu ammo seentimeetira 55 hanga 88 dheerachuu danda’a.  Ulfaatinni qaamaatis akkasuma garaagarummaa qaba. Inni xiqqaan kiilograama 21 ulfaata. Inni guddaan ammoo haga Kilograama 55 ulfaata. Akkuma uumama hedduu gogaan isaa rifeensaan uwwifamaadha.

 

Haalli qilleensaa naannawa bineensi kun jiraatuu yeroorraa yerotti waan jijjiiramuuf, baay’inni rifeensa gogaa isaarratti argamus akkasumatti jijjiirama. Yeroo qabbanti haalaan jabaatutti rifeensi isaa ni tuucha’a. Kunis oowwi qaama keessaa gara alaa akka hin baane; akkasumas qabbanti alaatis gogaa isaa akka hin miine gargaara.  Yeroo qabbanti dabree oowwi dhufu ammoo rifeensi isaa ni haphata. Rabbiin Rahmata Qabeessi uumama isaa hunda waan isaa maluun akkanatti faayee uume. Nuti wayta qorrannu uffata qabbanaa uffannee qaama oowwifanna. Uumamaaleen akka Saiga garuu furmaata akka nuti qabnuu kana hin qaban. Kanaafuu Rabbiin haqaa fi Rahamtaa, dandeettii isaatiin mala cabbii dandamataa, oowwas qabbaneeffataniin uumee isaan jiraachisaa jira.

 

 

Saigan kottee qal’aa dheeraa haalaan jabaa ta’e qaba. Qoffeen Saigaa sanyyiilee kuruphee hunda keessaa kan addaati. Funyaan isaa haalaan guddaadha. Guddina irraan kan ka’e funyaan isaa kun afaan isaa haguugee dhoksa. uumama kana fulduraan wayta ilaallu funyaan isaa lamaan qofatu nutti mul’ata. Funyaan isaa kun faaydaa garagaraa lama qaba. Lameen isaaniitu akkuma rifeensa gogaarraa yeroo qilleensi jijjiiramu dalagaan isaaniitis jijjiirama. Yeroo qilleensi akkaan qabbanaawu, funyaan isaa kun qilleensa kuusuudhaan eega oowwiseen booda gara sombaa dabarsa. Haala kanaan sombis rakkoo takkaan malee qilleensa hargana. Yeroo oowwaatti ammoo naannoon inni jiraatu kun dhukkee garagaraatiin guutama. Yeroo kanatti ammoo qoffeen isaa kun dhukkee qilleensa keessaa gingilchee, qilleensa qulqulluu qofa gara sombaa dabarsa. Haala kanaan uumamni kun rakkoon maletti jireenya isaa geggeeffata.

 

 

Saiga kormaa malee dhaltuun gaafa hin qabdu. Gaafni kormaa kun yeroo heddu faaydaa qabaatus, miidhaan isaatis guddaadha. Waldhaansoon fedhii lubbuu saiga biratti kan addaati. Akka bineensota biroo wal’aansoon jaraa waan laaftuun hin goolabamu. Sa’igaan lama yoo wal qunnamtii wal hormaataatiif waldhaansoo jalqaban, haga tokko kan biraa ajjeesutti walirraa deebi’uun hin jiru. Gaafni uumama kanaa fiixxeen isaa akka ebootti qara qaba. Gaafa kanaan wal diraa haga wal ajjeesanitti wal a’u. lameenirraa ka moohate dhaltuu wajji wal qunnamtii hormaataa raawwata.  Gama birootiin bineensi kun sababaa gaafa isaa kana dhumutti jira. Namoonni naannoo uumama kanaa jiraatanis, gaafa bineensa kanaa dawoomaaf barbaadu. Gaafa kanaaf jecha bineensa kana jala deemanii ajjeesu. Sababa kanaaf lakkoofsi kormaa saigaa haalaan xiqqaatee jira. Lakkoofsi dhaltuu ammoo haalaan hedduudha. Adeemsi adamoodhaa haala kanaan yoo itti fufe, of dura kormaan dhabamuu mala. Kormaan dhabamuun ammoo sanyiin uumama kanaatis akka dhaabbatu taasisa.

 

Saigan gamtaa uumee waliin jiraata. Qubsumni tokko miseensota haga afurtamaa qabaatuu danda’a. Miseensonni hedduun isaanii warra dhaltuuti. Kormaan ammoo muraasa. Kanaafuu kormaan hangi hafe gareewwan garagaraa keessatti qoqqoodamee, dhaltuu fi ilmooleef eeggumsa godhaa jiraata. Sooratni isaa akkuma sanyiiwwan kuruphee hedduu marga dheeduudha. Marga yoo dhaban ammoo fageenya dheeraa godaanuun haga marga argatanitti dadhabbii malee sosocho’u.

 

 

Saigaan uumama saffisa qabuu fi uumama godaansaan beekkamu keessaallee isa tokko. Wayta godaansaa kana guyyaa tokko keessatti kilomeetira 115 ol deemu. Yoo diinni itti dhufe ammoo saffisni isaanii ni dabala. Saa’aa tokko keessattis kilomeetira 80 fiiguu danda’u. Diinni isaanii hamaan yeeyyii fi Ilma namaati.

 

Rimayni Saigaa ji’a shaniif tura. Haadhoon takkas yeroo takkaan ilmoolee lama dhalati. Ilmooleen kunniin haga gaafa guddatanii marga dheeduu jalqabanitti muchuma hodhaa turu. Hayyama Rabbiitiin Saigaan tokko dhalatee haga waggaa kudhanii jiraachuu danda’a. Haa ta’u malee hedduun isaanii osoo waggaa jaha hin caalin du’u. Kunis lakkoofsi isaanii akka xiqqaatu taasisee jira.

Qophii: Abuu Ibtisaam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button