Og-Barruu

Aadaawwan fofokkatoo

Tana Quba Qabduu

Ummanni addunyaa tanarra jiru aadaa fi duudhaa garagaraa qaba. Aadaan bareedaan sabni tokko itti fayyadamee isa biraatiifis bu’aa qabu heddu biyyoota garagaraa keessaa argachuu ni dandeenya. Haa ta’u malee aadaaleen fokkataa fi ilma namaa miidhanis heddutu jiru. Mee aadaawwan fofokkatoo addunyaa tanaa keessaa muraasa haa ilaalluu.

Indiyaa

Indiyaafii biyyoonni naannoo sanitti argaman amantii gosa hedduu qabu. Amantiin Muslimaatuu naannoo sanitti firqaa heddu qaba. Firqaa qofa osoo hin taane, amantiifi Aadaa walitti laaqanii amanuun naannoo sanitti baramaadha. Muslimoonni Indiyaa gama lixaa jiraatan aadaa fokkataa isaan qaban keessaa tokko, daa’ima fooqii gubbaa darbuudha. Yoo daa’imni haarofni dhalateef, daa’ima kana fooqii dheeraa hanga sadarkaa 15 qabu gubbaa koranii achirraa darbu. Garuu wanti gaariin, daa’imni kun lafa hin bu’u. Wayta daa’imni fooqii gubbaa darbamu kana, namoonni biroo heddummaatanii lafatti eegu. Lafa dhaabbatanii, huccuu adii diriirsanii qabanii eegu. Daa’imni fooqii irraa darbame kunis huccuu adii kanarratti kufa.  Akka ummanni kun amanutti, daa’imni fooqii irraa darbame kun fayya qabeessaa fi jabaa ta’ee  guddata.  Haga ammaatti rakkoon sababaa kanaan mudate, daa’imni wayta darbamu miidhameefi du’e  hin jiru. Kun aadaa isaaniiti. Islaamummaan hidhata takkallee hin qabu.

Ingiliiz

Ingiliiz biyyoota guddatan keessaa biyya takka. Lammiileen isiitis hawaasa barumsa qabu akka tahe amanama. Garuu aadaa fokkataa tokkotu biyya ingiliiz keessati gaggeeffama. Aadaan fokkataan biyya Ingiliiz keessatti waggoota 200 oliif geggeeffame kun:- jalqaba namoonni heddu gaara gubbaatti hiriiranii dhaabbatu. Kana booda, meeshaa korboo tokko namni tokko gaara gubbaa gad darba. Eega darbameen booda namoonni gaara gubbatti hiriiran hundi meeshaa kana faana fiiguu eegalu.  Eega aadaan kun eegalamee Haga har’aatti namni waan kana qabe hin jiru. Sababni isaa wanti geengoo fakkaatu kun saffisa guddaa qaba. Meeshaan korboon kun sa’aa 1 keessatti Kilomeetira 100 fiiguu danda’a. Ilmi namaa sa’aa 1 keessatti Km 100 fiiguu danda’u ammoo dachii tanarra hin jiru.  Rakkoon biraa ammoo gooddaa gad ta’uu isaati, gooddaa gad fiiguun abadan hin danda’amu. Namni akkuma fiiguu jalqabeen lafa dhaya. Achi booda gaara gubbaa gad kokolaatuu eegala. Yeroo kana wal irra bahuufi walitti bu’uun hin oolamu. Haala kanaan namoonni heddu miidhamu. Seenaa ingiliiz keessatti tapha aadaa kanaan haga ammaa namni du’e hin jiru. Garuu namni harkaafi miilli cabe, ka jilbi buqqa’e, ka duydi miidhame haalaan heddu. Namni tapha aadaa kanarratti hirmaate irra hedduun isaa gaggabee of wallaalee miidhama.

 Jaappaan

Amma immoo gama Jaappaan isin geessina. Ayyaanni Onbaashiraa jedhamu biyya Jaappaan keessatti waggaa jaha jahaan yeroo tokko geggeeffama. Akka jiraattonni naannichaa himanitti ayyaanni kun waggaa 1200 oliif geggeeffamaa ture. Onbaashiraa jechuun ‘Utubaa kabajame’ jechuudha. Ayyaanni kun haalli itti kabajamu, dargaggoonni gara bosonaa deemanii muka akkaan guddaa muru. Kana booda namoonni irree jajjaba qaban heddummaatanii muka san haadaan harkisanii gaara gubbaa baasu. Baalaafii damee hunda irraa cicciranii, jirma qofa gaara korsiisu. Hawaasni naannichaatis heddummaatee yaa’ee sirnicha daawwatuu jalqaba. Itti aansuun muka guddaa kana gaara gubbaa gad qajeelchanii qopheessu. Namoonni heddu muka kana akka fardaatti yaabbatanii irra taa’anii qophaahu. Namoonni biroo ammoo muka kana duuba goranii gaararraa gad dhiibu. Achi booda mukni gaararraa gad qajeelee gulufuu eegala. Nama isa dura jiru hunda caccabsaa, kaanis ajjeessaa gulufa. Namoonni muka kana yaabbatanis gariin irraa kufan. Gariin jabeessee qabata. Haala kanaan lubbuu nama hedduutu bade. Namoonni caccabanii miidhamanis haalaan heddu. Garuu aadaan kun ammas hin dhaabbanne. Ayyaanni kun dhiheenya kana bara 2016 keeysa kan gaggeeyfame yoo tahu, kan itti aanu ammoo 2022f karoorfamee jira.

Ispeen

Ardii Awrooppaa keessaa ammoo aadaa warra  ispeen haa ilaalluu. Sangaa  jalaa dheessuun biyyoota Ameerikaa kibbaa keessatti aadaa baramaadha. Inni Ispeen keessaa garuu adda. Biyyoota heddu keessatti Sangaa tokko qofa gad baasanii, bakka dallayni itti godhame keessatti jalaa dheessan. Kan Ispeen garuu haala addaatiin gaggeeffama. Sangoota nama arganii hin beeyne magaalaa keessa gad dhiisanii jalaa dheessu. Taphni aadaa kun bara 1910 irraa eegalee geggeeffamaa akka jiru himama. Haga arraattis namoonni 15 ta’an tapha kanarratti du’anii jiru. Wagga waggaan namoonni haga 300 ta’anis sababuma kanaan qaamaan kan miidhaman tahuu himama.

 

Sangoonni kun namarraa fageeffamanii kophatti gabbifamu. Gaafa magaalaa keessa gad dhiifaman waan if duratti argan hunda, kaan mataan itti bu’aa, kaan kotteen irra ejjataa bira dabru. Nama jalatti kufes gaafaan lafatti rirrigu. Namni osoo dheessu boollatti badus, kan dallayarraan utaalee kufee cabus, kan shibotti diramee miidhamus hedduudha. Aadaan kunis hanga ammaa gaggeeyfamutti jira.

 

Show More

One Comment

...

Back to top button