Addunyaan tun akkamitti uumamte?

Dhugaa Uumamaa Kutaa 1ffaa

Warri amantii hin qabne,  hawaan tun akka tasaa uumamte jedhan. “Addunyaa tanarra dur dhoohinsa guddaa Big Bang jedhamutu ture. Innis dhoohee gaasiiwwan garagaraa uume. Gaasiin kun ammoo gaalaaksiiwwan garagaraa uume. Gaalaaksiin kun ammoo Plaaneetota garagaraa uume. Plaaneetonni uumaman kunniin ammoo oorbitii mataa isaanii ofumaan qabatanii taa’an. Akkasumas seera mataa isaanii ofumaa uuman. Planetoota biiliyoonaan lakkaawaman keessaa isiin takka dachii irra jiraannu tana. Dachiin tunis ofuma isiitiin fageenya aduurraa isiif mijaawu irra qubatte. Akkasumas Oorbitii jireenya namaa fi wantoota garagaraaf mijaawu qabatte. Gaafa duraanii san dachiin akkaan oowwituu taate tun, rooba agachuu jalqabde, Volkaanoowwan garagaraatis irratti uumaman. Kana booda Biqiltootni miiliyoonaan lakkaawaman haala qilleensaa qofa irratti hundaa’anii biqiluu jalqaban. Laggeen fi burqituun garagaraa bishaan ilma namaatiif ta’u qabatan. Galaanaa fi garbi garuu sooqiddaan guutame. Osoma haala Kanaan jiru uumamni garagaraa dachii irratti argamuu jalqabe. Sanyiileen lubbuu qaban miiliyonaan lakkaawaman dachii, samii fi bishaan keessa qubatuu jalqaban. Lubbu qabeeyyiin kunniin hundi isaaniituu seelii takkarraa akka tasaa dagaagan. Hundi isaaniituu waan isaaniif mijjaawu barbaadachutti seenan. Mudannooleen birootis uumamuu isaanii itti fuufan. Haala Kanaan dhoohinsi guddaan sun akka tasaa dachii tana uumama ajaa’ibaatiin guute. Jedhanii amanan warri Amantii hin qabne.

 

Addunyaan tun akkamitti uumamte? Seerri uumamaa ajaa’ibaa kun akkamitti argame? Uumamaaleen babbareedoon kun akkamitti argaman? Jennee osoo gaafannee, deebiin nuti warra saayinsiin guddannee jirra jedhan irraa argannu ibsa amma duratti isiniif ibse ta’a. Hunduu akka tasaa dhoohinsa guddaa booda argame, nuun jedhan. Caasaan uumamaa ajaa’ibaa kun cufti isaatuu akka tasaa argame nuun jedhan. Gariin namaa yaada saayinsii, wanti cuftuu akka tasaa argame jedhu kana fudhachuu danda’a. Gariin ammoo warra caasaan kun cufti isaatuu akka tasaa argamuu hin danda’u, qaamni isa bu’uureessee fi isa qajeelchutu jira, wanti kumuu akkanumaan lafaa ka’ee ofiin uumamauu hin danda’u jedhu ni jiru. Har’aan tana namni baruumsa Akkadaamii barachuudhaaf gara mana barnoota deemu, yaada argama tasaa jedhuu fi tiyoorii of Ivoolyuushin jedhamuun guutamee baha. Kanaaf qalbiin namoota garii shakkiidhaan guutama. Anis in shaa Allaah sagantaa kiyya kan har’aa kanarraa jalqabee waa’ee uumama kanaa haga Rabbiin naa laaffiseen isinii qooduuf kurfeeffadhee jira. Isinis sagantaa kana hordofuun beekumsa gaarii akka argattan abdiin qaba.

Waan ijaan arginuu kanniin keessa ijaarsa ajaa’ibaattu jira. Ijaarsi kun argamuudhaaf elemantootaa fi wantoota garagaraa heddu barbaada. Wantoota kanniintu walitti dhufee qaama wahii uuma. Baalansiin ykn ammoo madaalli uumama keessa jiru kun ammoo jiraachuu Rabbiitiif ragaa dha. Mee Madaala jechuun maal akka ta’e fakkeenya takka isiniif haa kennu.

Mee yaadaan gara Laabraatorii dawaa itti oomishamuu isin haa geessu. Laabraatorii kana keessaa qaruuraalee xixiqqoo kan elemantoota garagraatiin guutametu jira. Nutis as keessa erga seenneen booda elemantoota qaruuraalee kanniin keessa jiru fayyadamuudhaan dawaa dhukkuba namaa fayyisu uumuuf yaalii goona. Yeroo ol seennu ammoo minjaala irra qaruuraalee heddu kan keemikaalota garagaraa qaban argine. Kana booda saampila dawaa tana dura hojjatamee nuu kennanii akka qorannu yeroo nuuf kennan. Nutis yeroo keennatti fayyadamnee, kinina takka keessa elemantiin gosa kami akka jiruu fi hammi isaa hagam akka ta’e adda baafanne. Fakkeenyaaf qaruuraa tokko keessaa miiliigraama 1, kan biraa keessaa miiliigraama 2, kaan keessaa ammoo miiliigraama 3 fi kkf. Dawaaa dhukkubarraa nama fayyisu oomishuuf, keemikaala hundaa madaala barbaachisuun itti naquu qabna. Osoo miiligiraamni elemantii tokko keessa jiru hamma barbaadamuu ol ta’ee, ykn ammoo gad ta’ee, dawaan sun gara summiitti jijjiiramuu danda’a.

Osoo akka tasaa nuti dalagatti jirruu qaruuraan kunniin lafa dhahanii, akkasumas keemikaalonni keessa jiran walitti makamanii, qoricha nuti barbaannu san nuuf uumuu danda’uu laata? Osoo ummanni addunyaa cufti isaatuu dhufee qorichi ykn ammoo dawaan akka tasaa uumame jedhanii nu amansiisuu danda’anii laata?  Kanaaf wanti tokko akka tasaa, ykn ammoo carraan uumame yoo jedhan, Abadan dubbii kana fudhachuun hin danda’amu. Wanti dachii irra jiru kun hundi isaatuu baalaansiin (madaalaan) uumame. Hunduu waan isa bira jiruun bareeda. Wanti akka carraa uumame hin jiru.

Mee fakkeenyaaf qaama namaa haa ilaallu. Qaama ilma namaa keessa elemantoota haga 60tu jira. Qaama keenya keessa elemantootni akka aayran, maagniiziyam, kroomiyam fi kanneen birootis haga murtaawaa Rabbi nuu uumeen nu keessa jiran. yeroo heddu yoo hammi elemantoota kanaa ol guddatu, ykn ammoo yoo xiqqaatu dhukkubni nu qaba. Fakkeenyaaf Kooppariin akka dhiigni qaama keenya keessatti uumamu godha. Yoo hammi isaa xiqqaate, dhukkubni garagaraa nu qabuu jalqaba. Manganiis ammoo akka sammuun keenya akka gaaritti hojjatu godha. Hanqinni isaa ammoo akka sammuun keenya jeeqamu godha. Walumaa galatti qaamni keenya kun wantoota garagaraa Rabbiin bareechee nuuf kenne qaba. Kanaaf wanti cufti isaatuu Baalans godhamee uumame. Baalansiin (Madaalli) kun ammoo uumama hunda keessa jira.

Dawaa Aspiriinii takka akka tasaa keemikaalota walitti jiganiin argamuu yoo hin dandeenyee, ilmi namaa boca ajaa’ibaa akkanaa kun, ykn ammoo uumamnummaan samii dachii keessa jiru kan ajaa’ibaa kun akkamitti akka carraa argame jedhanii nu amansiisuu?

Qaamni keenya waan yeroo tokko uumamee, akkasumatti goggogee hafuu miti. Seeliin garaacha keenya keessatti wagga waggaan du’u kg 90 ta’a. Akkasumas Seeliin gogaa keenyaa kan waggatti du’u ammoo Kg 45 ta’a. Guyyaa tokkotti seeliin dhiiga diimaa biiliyoona 200 ta’u ni du’a. bakka sanitti ammoo Seeliin kuma 10 ta’u sakandii takka keessatti oomishama. Qaamni keenya kun ji’a jaha jahaan of haaromsaa deema. Mudannoowwan akkanaa kunniin akka carraa ykn ammoo akka tasaa argaman jechuun danda’amaa laata? Mudannoon akkanaa kun ammoo namoota Biilyoona 7 ta’an kan dachii tanarra jiran irratti mudata. Kanaaf akkamitti wanti kun akka tasaa argame jechuu dandeenya?

Rabbi Qur’aana keessatti akkana jedha

Inni Rabbii Uumaa (Waan hundaa), (Waan hin jirree) ta’ee dha. Isaaf maqoolee gaggaarii ta’antu jira. Wantootni samii fi dachii keessaa isa qulqulleessu (isa faarsu). Inni injifataa ogeessa

Suuratul Hashri 59:24

Comments
Loading...