header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Ameerikaan loltoota isii Kaaba Suuriyaa keessaa baasuu jalqabde

Prezdaant Rajab Xayyib Erdogaan torbee dabre Waraanni Turkiyaa finciltoota Kurdi kanneen daangaa Suuriyaa fi Turkiya keessaa maandheffatan irratti, lafoo fi qilleensa irraan duula kan jalqabu tahuu beeksisee ture. Erdogan haasawa kora Paartii AKP irratti godheen, waraanni biyya isaa magaalota Suuriyaa too’annaa finciltoota Kurdi jala jiran kanneen akka Afriin fi Maanbiij yeroo gababaa keessatti finciltoota jalaa baasuudhaaf duula bal’aa tahe kan jalqabu tahuu ibse.

 

Haaluma kanaan Waraanni Suuriyaa taankii fi xiyyaarota waraanaatiin deeggaramu Kaaba Suuriyaa keessatti  duula bal’aa jalqabuuf kan qophaayaa jiru tahuu gabaafame.

 

Kanuma hordofuun Ameerikaan waraanni isii kaabaa Suuriyaa keessa jiru kana booda deeggarsa finciltoota Kurdiitiif kennu dhaabuun,  naannicha keessaa kan bahaa jiru tahuu beeksiste. Waayit Haawus ibsa baaaseen “duula Turkiyaan kaaba Suriyaa keessatti jalqabuuf qophaayaa jirtuun wal qabatee loltoonni Ameerikaa naannicha gadi lakkisanii bahaa jiran”jedhe. Dabalataanis Ameerikaan haala kamiinuu duula waraana Turkiyaa  kan hin danqine tahuu ibsite. Haata’u malee Ameerikaan loltoota isii 1000 ol tahan garamitti akka baasaa jirtu hin beekamne.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button