header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Ameerikaan Qoqqobbii Iiraan irraa kaaftee turte deebistee kaayuuf tahuu beeksifte

Iiraan sagantaa Niwukilarrii waraanaa gabbisuu addaan kutuudhaaf  bara 2015 keessa biyyoota miseensa dhaabbataa mana maree Nageenyaa shananii fi Jarman waliin walii galtee mallatteessite hordofuun, Ameerikaan qoqqobbii Iiraan irra keettee turte kaasuun isii ni yaadatama. Traamp taayitaa eega qabatee booda, walii galteen 2015 sun bu’aa kan hin qabne, akkasumas  Iiraan qofa kan fayyadu waan taheef waliigaltee haaraya barbaachisa jechuun ibsaa ture.

 

Iiraan gama isiitiin wixinee walii galtee bulchiinsi Traamp akka haarayaatti qopheesse fudhachuu kan didde yoo tahu, kanuma hordofuun   May darbe Ameerikaan walii galtee jalqabaa keessaa bahuu beeksiste. August darbe ammoo Ameerikaan diinagdee Iiraan irratti xiyyeefachuun Baankota biyyattii irra qoqqobbii marsaa jalqabaa keette.

 

Guyyaa kaleessaa ammoo mootummaan Ameerikaa November 5, 2018 irraa jalqabee, qoqqobbiiwwan kanaan dura Iiraan irraa bulchiinsa Obaamaatiin kaafame hunda deebistee kan keettu tahuu beeksiste. Qoqqobbiin marsaa lammaffaa kun gurgurtaa Boba’aa, bittaa meeshaalee Xiyaaraa, Traanspoortii Markaboota fi kanneen biroo irratti kan xiyyeefatu tahuun beekamee jira.

 

Ameerikaan alatti biyyoonni Shanan waliigaltee Iiraan waliin mallateessanii turan qoqqobbii Ameerikaan amma Iiraan irra keette kana balaaleffatanii jiru. Biyyoonni Shanan kunniin Briteen, Faransaay, Ruusiyaa, Chaayinaa fi Jarman. Ministeerri Inerjii Ruusiyaa Alexander Novak  ibsa guyyaa har’aa Financial Times kenneen, “qoqqobbiin Ameerikaa kun seeraan ala waan taheef, Ruusiyaan daldala boba’aa Iiraan waliin qabdu cimsitee itti fufti” jedhe. Haaluma walfakkaatuun Briteen, Faransaay, Jarmanii fi EU’n ibsa guyyaa kaleessaa baasaniin murtiin Ameerikaa kan isaan mufachiise tahuu ibsuun, walii galtee bara 2015 kabajuu isiitiif daldala addaa Iiraan waliin geggeessuuf kan karoorfatan tahuu beeksisan.

Baankii Iiraan.jpg

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button