Baawobaab

Muka Kana Beeytuu?

MUKA KANA BEEYTUU?

Sanyiin Muka kanaa sagaltu jira. Inni jahaa Maadaagaaskaar qofa keessatti argama. Lama dachii Afriikaa Kibbaa fi Arabiyaa keessatti Argamu. Inni tokko ammoo Ardii Awustraaliyaa keessatti argama. Mukni kun dachii goggogaa fi Rooba hin qabne keessatti guddata. Garuu furdinaa fi guddina isaa yeroo ilaaltan muka gammoojjii keessaa hin fakkaatu. Mukni kun Muka ajaa’ibaati. Gabaabaan isaa Meetira 5 lafarraa kan ol dheeratu yoo ta’u, inni dheeraan ammoo haga meetira 30 dheerata. Muka umrii dheeraa jiraatu keessaallee isa tokko. Akka Qorannoon garagaraa mul’isutti, Sanyiin Muka kanaa  Hedduun isaa waggaa 3000 ol jiraatuu danda’a.

Ajaa’ibni muka kanaa Jirmaa fi baala isaa irratti argama. Jirmi isaa akkaan furdaa fi dheeraadha. Jirmi muka kanaa haga meetira 20 dheerata. Kana jechuun baalli isaa Meetira 20’n booda argama jechuudha. Baalli isaa kun yeroo gogiinsi akkaan jabaatutti waan irraa harca’uuf, baalli isaa lafatti harca’e hidda mukaa fakkaata. Sababa kanaaf ‘upside-down tree’ ykn ammoo Muka mataan gombifamee biqile jedhanii waaman. Jirmi isaa haga meetira 20 dheerata isiniin jedhee jira. Kanaaf yoo fageenyarraa laalan, barmeela guddaa fakkaata.  Sababa kanaafis ‘bottle tree’ ykn ammoo ‘Muka qaruuraa fakkaatu’ jedhameetis ni  waamama.

 

Jirmi isaa kun ammas wantoota ajaa’ibaa heddu of keessaa qaba. Fakkeenyaaf Mukni Baa’obab kan Zimbaabwee keessa jiru tokko, keessi isaa eddoo ciisicha namoota Afurtamaa ta’uu danda’a. kanaafuu namoonni Zimbaabwee keessa jiran Muka kana keessa isaa bocuudhaan dhimma garaagraaf itti fayyadamutti jiru. Gariin suuqii godhatu, gariin mana jireenyaa godhatu. Mukni Afriikaa Kibbaa keessa jiru ammoo keessi isaa Meetira digdamii lama bal’ata. Mukni kun waggaa 6000 ol akka tures qorattoonni qorannoo carbon date irratti hundaa’anii himu. Jirmi isaa kun ammas faaydaa biraa qaba. Dachiin inni irratti biqilu dachii goggogaa ta’uu isiniif himee jira. Dachii kanarratti yeroo tokko tokko roobni roobuun isaa hin oolamu. Yeroo kanatti Mukni Baobab kun rooba naannoo isaatti roobe heddummeessee xuuxuudhaan bishaan jiru of keessatti kuufata. Avreejiidhaanis Mukni Baa’obaab tokkichi, Bishaan Leetira 100,000 ol kuusuu danda’a. Ilmi namaa fi bineensonni hedduunis bishaan muka kanaa irratti irkatanii jiraatu.
Mukni Kun firii fi ililliis ni qaba. Ililliin muka kana irratti biqilu bifa adii kan qabu yoo ta’u, guyya guyyaa cufamaa, halkan yeroo lafti dhiitu ammoo adda banama. Firiin mukni kun qabus kan ajaa’ibaati. Firiin isaa kun haga seentimeetira 30 dheerata. Albuudota akka iron, kalshiyam, potaashiyam Tartaarik Asiidii fi Vitamin C qaba. Hammi Vitamin C firii Baa’obab tokko keessa jiru, Hamma Vitamin C burtukaana Afur keessa jiruu ni caala. Namoonni naanno san jiraatanis firii kana bishaan keessatti cuuphuudhaan juusa garaagraa hojjatu. Dabalataan firii kana ibiddaan gubanii, daakuudhan akka bunaattis ni dhugan.
Quunceen isaatis faaydaa mataa isaa qaba. Lammiileen Afriikaa muka kanarraa haada, afaa lafaa, Zanbiila, uffata fi Koofiyaa yeroo roobaa uffatanis irraa hojjatu. Mukni kun yoo quuncee irraa quuncisanis hin miidhamu, quuncee haarayatu deebi’ee biqilaaf. garuu quuncee biqilchuu yoo dadhabe, mukni sun du’uu danda’a.
Faaydaan baala isaatis kan ajaa’ibaati. Baalli isaa akkuma goomanaatti soorataaf oola. Soorataan cinatti baalli isaa tajaajila wal aansaatis ni kenna. Rakkina kaleetiif, rakkina afuuffaa ficaaniitiif, dhukkuba Asmii fi madaa garagaraa wal’aanuudhaafis baalli Baa’obab ni tajaajila. Wanti akka daakuu kan quuncee isaa irraa argamu ammoo glue ykn ammoo dhangala’aa wahiin qabsiisan oomishuudhaaf tajaajila.
Muka ajaa’ibaa faaydaa kana hunda qabu, akka tasaa uumame jechuun wollaalummaa daangaa hin qabne. Rabbii keenyatu muka kana bakka isaaf malutti isa biqilche malee, uumamni ajaa’ibaa kun abaduu akka tasaa argamuu hin dada’u. Qabxii ijoo muka kanaa isiniif himee barruu tiyya guduunfa.
  • ·         Sanyiin muka kanaa 9 qofatu jira. 6 Maadagaaskaar, lama Afriikaa fi Arabiyaa tokko  ammoo Awustraaliyaa keessatti argama.
  • ·         Sanyiin muka kanaa gariin haga Meetira 30 lafaa ol kan dheeratu yoo ta’u, gubbaa irratti damee fi baalli isaa haga meetira 20 bal’atu ni argama.
  • ·         Jirmi muka kanaa bishaan leetira 100,000 ol kuusuu danda’a.
  • ·         Jirmi isaa kun bal’aa waan ta’eef, akka eddoo jireenyaatti tajaajiluu danda’a.
  • ·         Baalli isaa dawoomaaf oola, firiin isaatis ni nyaattama.
  • ·         Qunceen isaatis faaydaa heddu qaba, daakuun quuncee isaa irraa argamus haphee waa ittiin maxxansan hojjachuudhaaf tajaajila.

VIIDIYOO DAAWWADHU

Comments
Loading...