Balaa Farshoo

Qorannoon dhiheenya kana argame dhugaatii alkoolii dhuguun dhukkuboota hedduuf nama saaxila jedha.

Amma dura dhugaatii alkoolii dhuguun dhibee kaansarii tiruu namatti fida jedhama. Qorannoon ammaan tana godhame garuu kaansarii tiruu malee dhibeewwaan kaansarii biroo 6f sababa akka ta’e hima. Akka qorannoo kanaatti alkooliin dhugan hammi isaa xinnaa yoo ta’es dhukkuboota kaansarii kanneeniin qabamuu jalaa nama hin oolchu. Qorattoonni akka jedhanitti sababa isaa kan qajeelaa kana jedhanii dubbachuus baatan, qajeelatti kaansariifi dhugaatii alkoolii jidduu hidhatni cimaan akka jiru beekanii jiran.

Biyya New Zealand, yunivarsiitii Otaagoo irraa, qorattuun Jeenii Konor jedhamtu “namoota bara 2012 addunyaa kanarraa du’aan boqotan keessaa cinaan miliyoonaa, sababa kaansarii dhugaatii alkoolii irraa maddeen du’an” jette. Akka qorannoo amma godhamee kanatti dhugaatiin alkoolii kaansariiwwan afaaniifi qoonqoo, kokkee, tiruu, mar’imaan guddaa, garaachaa, harmaafi kaansarii ujummoo nyaataa (issoofagasiif) nama saaxila. Qorattuun Jeenii jedhamtu tun kaansariiwwan torban kanniin wajji alkooliin hidhata akka qabu ragaa guddatu jira kan jette yoo ta’u, dabalataan kaansariiwwan biraatiifis sababa ta’uu akka danda’u akeekte.

Qorannoon kun, namoonni alkoolii baay’isanii dhugan daran kaansarii kanniinif saaxilamanis; namoonni xiqqeessanii dhuganis rakkoo kana jalaa bahuu akka hin dandeenne mul’isa. Akka qorattuun tun jettetti xiqqeessanii dhuguun rakkoo kaansarii jalaa nama hin oolchu. Kaansarii irraa bilisa ta’uuf carraan jiru guutumaan guututti dhiisuu qofa.

Qorannoo tana dura godhameen, waynii diimaa qaruuraa takka dhuguun fayyaa onneetiif gaariidha jedhamee ture. Haa ta’u malee akka qorannoon ammaa mul’isutti, faayidaa onneetiif jecha miidhaa qaama kaawwan irra gahu yoo ilaallu irraa fagaatuun filatamaa dha.

Argamni amma biyya New Zealand keessatti qorattootaan bira gahame kun kan biyya Ingiliizitti ji’a Amajjii darbe keessatti argameen wal fakkaataadha. Qorattoonni biyya UKtis dhugaatii alkoolii xinnoo isiillee dhuguun fayyaa ilma namaa irratti miidhaa guddaa akka geessu ibsa baasanii turan.

Hooggantuun World cancer Research Fund Suuzaan Biraawun akkana jette: “Namoonni hedduun dhugaatiin alkooliidhaa kaansarii tiruu qofa wajji walqabata jedhanii amanu, garuu adaduma qorannoo keenya jabeessaa deemnuun dhugaatiin alkoolii kaansariiwwan hedduuf nama saaxiluu akka danda’u beeyne. Keessattu sababaan kaansarii mar’imaaniifi harmaa dhugaatii alkoolii humnaa oliiti.”

Dhaabbanni fayyaa UK dhugaatiin kun akka nama miidhu osoma beeku bara 1995 warri dhiiraa yuunitii 21 warri dhalaa ammoo yuunitii 14 qofa torbaan takka keessatti akka dhugan ibsa baase. Garuu kunis furmaata fiduu waan hin dandayiniif koorniyaan lachuu yuunitii 14ii ol akka hin dhugne gorsaa ture. Namni garuu achitti dhaabbatuu dide, adaduma itti hoo’uun daddabalataa fayyaa ofii irraan rakkoo gahaa akka jiru qorannoon godhame ni addeessa.

Comments
Loading...