Og-BarruuTafakkur

Banded Palm Civet

Uumamni Rabbii hundi waan addaa ittiin beekkamu qaba. Dizaayiniin Rabbii kan dhuma hin qabne bineensota garagaraatiif waan adda isaan godhutu kennameefii jira. Har’a uumama sanyii Xirinyii keessatti ramadamu tokkoon wal baranna. Maqaan isaa Banded Palm Civet jedhama. Uumamni kun buna qaalii dachii kanaa oomishuudhaanis ni beekkama. Akkamitti oomisha yoo jettan barruu kana irraa deebisaa ni argattu.

Banded Palm Civet sanyiiwwan Civet keessaa kan addaati. Uumamni kun bineensa Weasel jedhamuunis walitti dhiheenya qaba. Gogaan uumama kanaa rifeensa bifa garagaraa qabuun uwwifamaadha. Gurraacha, magaala, daalacha, adii fi boora ta’uu danda’a. Qaamni uumama kanaa qal’atee dheerata. Ta’uus uumamni kun uumama xiqqaadha. Avreejiidhan kilograama 1.3 hanga kilograama 4.5 ulfaata. Akkasumas dheerinni isaa seentimeetira 40 hanga 71 ta’a. Gabaabumatti uumamni kun adurree manaa gaha jechuu dandeenya. Cifaawwan kottee isaarratti argaman rifeensa isaa keessatti kan dhokatan yoo ta’u, yeroo barbaachisetti gad bahuu danda’an. Duydarraa rifeensa gurraacha kan sarara fakkaatu hedduu qaba. Rifeensi kun eegee isaarrattis ni argama.

Branded Palm Civet uumama fakkaattota isaarraa adda bahee kophaa jiraatu, akkasumas naannawa qubsuma isaa akkaan tikfatuudha. Guyyaa goda keessatti, ykn qaawwa mukaa keessatti akkasumas bakka dhokatuudhaaf isaa mijjaahu hunda  keesatti hirribaan dabarsa. Hedduminaan uumama qaawwa mukaa keessa ciisu ta’us, uumama lafarra jiraatu keessatti ramadama. Uumamni kun waan dalagu hunda bineensota biroo fi ilma namaa jalaa dhoksuudhaan beekama.

Branded Palm Civet Eeshiyaa Kibba bahaa keessatti argama. Hedduminaanis bosona Taaylaand, Maaleezhiyaa, Indoneeshiyaa fi Burmaa keessa jiraata. Haa ta’u malee naannawa kanneen keessatti bosona sababa gara garaatiin ciramaa jiruun walqabatee, uumamni kun eddoo jireenyaa dhabee lakkoofsi isaa xiqqaachuurratti argama. Dabalataan paarkiiwwan hedduu keessattis ni argama.

Branded Palm Civet uumamaalee foon sooratan keessatti ramadama. Haa ta’u malee yeroo garii firiiwan mukaatis ni sorata. Sanyiiwwan tuqaa, lootuu, raacha, ilbiisota, raammoolee fi bofa xixiqqoo adamsee soorata. Dabalataan daara baaftuu, mixii, awwaannisaa fi cilaluus ni soorata. Uumamni kun bineensota akka hantuutaa wayta adamsu mataa duubaan qabee hargufuudhaan akka mormi cabu godha. San booda kottee isaa kan fuulduraatiin irra ejjatee ilkaan qabuun cicciraa alanfata. Liqimsuudhaaf ammoo qoffeen gara waaqaa ol jedhuu qaba.

Uumama Kanaan wal qabatee ilmi namaa waan tokko fayyadamuu jalqabeera. Akkuma jalqabarratti isinii eerre uumamni kun warra foon sooratan keessatti ramadamus, firiiwwan muraasa inni sooratu keessaa tokko buna. Buna eega nyaateen booda osoo hedduu hin bulleessin garatti dabarsa. San boodas bifa balfaatiin garaa isaatii baha. Ilmi namaa buna haala Kanaan garaa isaatii bahee akkaan barbaadee walitti guuruudhaan danfisee dhuga ykn gurgurata. Garaachi uumama kanaa hadhaa buna keessa jiru cuunfee hambisuun kaan ammoo gad baasa. Sababa kanaaf jecha bunni haala Kanaan argamu qaalii ta’uu danda’a. Yeroo ammaa kanas namoonni uumama kana ooyruu bunaa keessa galchuudhaan kunuunsuurratti argamu.

Yeroo ammaa rakkoon uumama kanaa inni guddaan ciramuu bosonaati. Sababa ciramuu bosonaatiin muka keessa ciisuu fi jalatti dhokatu dhabuudhaan rakkachuurratti argama. Ciramuu bosonaatiin qubsuma isaa qofa osoo hin taane qubsuma soorata isaatis dhabuurratti argama. Kanaafuu nyaata gahaa dhabee rakkachaa jira. Haala Kanaan lakkofsi isaa kan bosona keessaa xiqqaachaa jira. Gama biraatiin ilmi namaa uumamni kun akka firii bunaa isaaf qulqulleessuuf jecha, adamsee ooyruu bunaa keessatti walitti qabuurratti argama. Haa ta’u malee walitti heddummaachuun isaanii jireenya isaaniirratti dhiibbaa fidaa akka jiru beekkameera. Waan kanaan ala diinni hamaan uumama kanaa naacha, qeerransa beengaal fi sanyiiwwan adurree gurguddoodha. Sanyiiwwan Adurree hedduun muka gubbaa koruu waan danda’aniif, uumama kana bakka inni seene seenanii ajjeesaa sooratu.

Yeroo wal hormaataatti uumamni kun walitti dhufuun isaa dirqama. Eega wal qunnamtiin wal hormaataa raawwatameen booda lachuu wal biraa deemu. Rimayni dhaltuudhaa sanyiirratti hundaa’ee guyyaa 32 hanga 64 turuu danda’a. Yeroo tokkoonis ilmoo tokko ykn lamatu dhalatuu dnada’a. yeroo dhalatanitti ilmooleen ijaan hin argan, gurraan hin dhagahan, socho’us hin danda’an. Torbaan lamaa oliif gargaarsuma haadhaatti haajaman. Guyyaa 18 booda waan gurguddaan godhuu danda’u cufa haga humna isaaniitiin raawwatuu danda’u. Guyyaa 70 booda ammoo haadharraa fagaatanii jireenya kophaa jalqabu. Uumamni kun hayyama Rabbiitiin haga wagga 25 jiraatuu danda’a.

Show More

...

Back to top button