header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Boosniyaan waggaa 25’ffaa ajjeechaan Jumlaa uummata isii irratti raawwatame yaadataa jirti

Boosniyaan guyyaa ajjeechaa Jumlaa waggaa 25ffaa yaadachuun yeroo kabajaa jirtu kanatti, reeffa namoota ajjeechaa jumlaatiin dhumanii keessaa kan eenyummaan isaanii hin osoo hin beekamin tureefi, dhiheenya kana beekaman nama sagaliif sirna awwaalchaa raawwatte. Sirni awwaalchaa naannoo Sarbreenikaatti gaggeeffame kana irratti namootni baay’een argamuun salaatul janaazaa salaatanii jiru.

Loltootni Boosniyaa Sarb bara 1995 bakka tokkotti qofa musiliimota warra dhiira tahan 8000 jumlaan ajjeesan. Ajjeechaan Jumlaa kun waraana Boosiniyaa bara 1992-1995 geggeeffame keessa kan raawwatame yoo tahu, lammiileen Boosiniyaa musilima tahan kumaatamni dahoo argachuuf baqatanii magaalaa humnootni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi humni waraanaa Dach eegaa ture keessa qubatan. Haata’u malee humnoonni UN fi warra dachi ummata kana baraaruu dadhabuu isaniitiin booda naannichi humnoota Sarbiyaa jalatti kufe.

Loltootni warra Sarbi bakka Musilimonni Boosniyaa itti baqatan to’annoo isaanii jala eega oolchanii booda, muslimoota iddoo kanatti baqatanii turan 20,000 ol tahan jidduu manguddootaa fi ijoollee dhiiraa adda baasuun iddoo tokkotti jumlaan ajjeessan. Reeffaa isaaniitis iddoma tokkotti bolla qotanii awwaalan. Ijoollee shamarranii fi haawwalii ammoo yeroo ji’a saddeetii ol tahuuf bakka addaatti ugguruun, gudeeddii dabalatee dararaa hamaa irraan gahaa akka turan, qorannoon dhaabbanni mootummoota gamtoomanii booda irra baase ni addeessa.
.
Akka gabaasa kanaatti, namoota bakka tokkotti awwaalaman jidduu gariin isaanii osoo lubbuun keessa jiru akka taheefi, maatiin ammoo yeroo ijoolleen isaanii ajjeefaman dhaabatanii akka ilaalan dirqisiifamaa turan. Haala kanaan torbee lama osoo hin guutiin namootni 8,000 tahan ajjeefaman. Namoonni 1000 ol ammoo waggaa 25 boodas achi buuteen isaanii hin beekamne. Walumaa galatti lola waggoota sadihiif geggeeffame kanaan namoonni 100,000 ol akka ajjeefamanis ragaaleen ni addeessu.

Barreessaan ol-aanaan UN kan yeroo sanii Kofii Aanaan ajjeechaan Jumlaa Sarbrenikaa seenaa UN keessatti gadda guddaan bara baraan yaadatamu jedhee ture.

3 Comments

  1. 80413 gaffiin qaba mee lakofsa gaffii naf erga/ assumartii gaffatuu nini dana’aa lata?dhiffaman wajjiin jkl :::

  2. Inn Lilah wain alehy raj’u 😭 Rabbiin swt Rahmaat isaatiin jañnatfirdosii isaan haa qanansu.ammale nur hin qoree darara ayy Yaa Rabbii namni.sitii.amane jiraata ati Rahmaat nu godhi

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button