header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Mootummaan Sa’udii Prezdaantiin Yaman akka hin sochoone uggure

Mootummaan Sa’udii Prezdaantiin Yaman, ilmaan isaa akkasumas ministeerota isaa fi qondaaltonni waraanaa gara biyya isaaniitti akka hin deebinee kan uggure tahuu qondaaltonni Yaman AFP’tti himan.
Qondaaltonni Yaman akka jedhanitti,  Prezdaantiin Yaman Abd-Rabuu Mansuur Hadi michuu Sa’udii kantaate U.A.E waliin eega waldhabbii keessa seenee booda, uggurri kun kan irra kaayame tahuu beeksise

Prezdaant Haadiin fi irra hedduun Ministeerota mootummaa isaa, fonqolcha hidhattoota Husii dheessuun gara Riyaad baqachuun isaanii niyaadatama. Sa’udii fi U.A.E durfamuudhaan gamtaan waraana biyyoota Arabaa, Mootummaa Prezdaant Abdu-Rabuu Mansuur Haadii deeggaruun duula garee Huusii irratti bananiin, magaalaa Adan dabalatee kutaa biyyattii gama Kibbaa harka Husiitii baasaniiru. Kanuma hordofuun Pirazadaantichi gara Adanitti deebi’uuf yeroo qophaayetti,  mootummaan Sa’udii kan uggure tahuu gabaasni Aljaziiraa ni mul’isa.

Sababni Waldhabbiin U.A.E fi Prezdaant Haadii jiddutti uumamen, Abu-Daabiin Prezdaant Haadiin paartii Islaah jedhamu, kan Akhwaan waliin walitti hidhata qabu deeggara jechuun kan himattu tahuun bekameera. Haaluma kanaan yeroo ammaa U.A.E garee mataa ufii uumuun, Kutaa Kibbaa Yaman kan too’ataa jirtu tahuu gabaasni kun ni addeessa. 

Mootummaan Sa’udii dhimma kana ilaalchisee yaada kennuu irraa kan of qusate tahuun beekkameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button