header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Bulchiinsi Traamp Iiraan irratti tarkaanfii waraanaa fudhachuuf kan koroorfataa jiru tahuu gabaafame

Hidhattoonni Iiraan keessa maandheffatan fulbaana dabre moortaarri gara Iraqitti dhukaasan, Imbasii Ameerikaa Bagdaad keessatti argamu cinatti eega kufee booda, bulchiinsi Traamp Iiraan rukutuudhaaf kan karoorfataa jiru tahuu gaazexaan Wall Street Journal gabaase.  Akka gabaasa kanaatti Traamp qondaaltota dhimmaa nageenyaa waliin Iiraan irratti tarkaanfiin humnaa akka fudhatamu kan mari’ate yoo tahu, haaluma kanaan itti gaafatamaan dhimma nageenyaa bulchiinsa Traamp  John Bolton, tarkaanfii humnaa fudhatamu ilaalchisee ministeerri Ittisa biyyattii Pentaagoon qorannoo akka dhiheessu kan gaafate tahuun beekkamee jira.

 

Qondaaltonni ministeera ittisa Ameerikaa gaafii Waayithaawus irraa dhihaateef kana tarkaanfii waraanaa duratti filannoowwan biroo ilaalamu qabu yaada jedhu kan kennan tahus, dhibbaa Traamp fi John Bolton’n  Petaagoon tarkaanfii humnaa Iiraan irratti fudhatamu ilaalchisee qorannoo kan geggeessaa ture tahuu gabaasichi ni mul’isa.  Haa ta’u malee qorannoon Peentaagoon qopheessaa ture waayithaawusiif dhihaachuu hanga ammaatti wanti beekkame hin jiru.

 

Odeeyfannoo birootiin ammoo Israa’el buufataalee waraana Iiraan Suuriyaa keessatti argaman irratti haleellaa kan raawwataa turte tahuu beeksifte. Muummichi ministeera Israa’el Benjaamiin Netaaniyaahuu akka jedhetti, Xiyyaaronni waraana Israa’el Suuriyaa keessatti buufataalee waraana Iiraan irratti yeroo heddu haleellaa raawwachuu hime. Haaluma kanaan Jum’aa dheengaddatis kuusaa meeshaa waraanaa Damashiq cinaa jiru irratti haleellaan kan raawwatame tahuu beeksise.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button