header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Kooriyaan Kaabaa Marii Traamp waliin geggeessuuf Karoorfatte kan haquu maltu tahuu akekkachiifte

Shaakala waraanaa Kooriyaan Kibbaa fi Ameerikaan guyyaa kaleessaa geggeessan hordofuun, Kooriyaan Kaabaa marii Kooriyaa Kibbaa waliin Arba’aa har’aatiif karoorfamee ture irratti kan hin hirmaanne tahuu beeksifte. Haaluma walfakkaatuun Kooriyaan Kaabaa,  Ameerikaan kophaa isii dhimmoota naannichaa irratti murteessuuf yaalii geggeessitu yoo kan hin dhaabne tahe, Marii Traamp fi Kim Jong-Un waliin geggeessuuf karoorfame kan haqxu tahuu akeekkachiifte.

Waxabajjii dhufuu Traamp fi Kim Jong-Un Singaapoor keessatti dhimma sagantaa Niwukilarii Kooriyaa Kaabaa irratti marii geggeessuuf Karoorfatanii turan. Ejensiin Odeeyfannoo Kooriyaa Kaabaa Itti aanaa Ministeera Haajaa Alaa biyyattii Kim Kye Gwan wabeefachuun akka  gabaasetti, “Ameerikaan gamanumaa sagantaa Niwukilarii keennaa ilaalchisee kophaa isii murteessuuf socho’aa jirti. Yunayitid Isteets gocha kana yoo kan itti fuftu tahe, Kooriyaan kaabaa mariin geggeessitu hin jiraatu. Guutumatti karoora marii kana haquuf dirqamna”jedhe.

Mr Kim Itti dabaluudhaanis, walgahiin kun osoo hin geggeeffamin ibsaa fi ajajni Ameerikaan kennaa jirtu  Kooriyaa Kaabaa kan dallansiisaa jiru tahuu ibse.

Hooggantoota Kooriyaa lamaanii

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button