AfrikaaOdeeyfannoo

Daa’iin beekkamaan biyya Suudaan Sheikh Nuureyni Muhammad Saadiq gara ganda Aakiraatti godaane

INNAA LILLAAHI WA INNAA ILEYHI RAAJI’UUN

Sheikh Nuureyni Muhammad Sagalee bareedduun qur’aana qara’uun nama beekkamuu fi hawaasa muslimaa Adduunyaa biraatti jaallatamu yoo tahu, guyyaa har’aa balaa Makiinaa isa mudateen gara ganda Aakiraatti godaanuun dhagahame.

Balaan kuni sagantaa muhaadaraa naannoo Kaartuumitti iddoo Yamaaman jedhamuutti geggeeffame irraa Haafizoota qur’aana heddu wajjiin osoo deebi’a jiran kan mudate tahuu odeeyfannoon miidiyaalee Suudaan irraa argaman ni addeessa.

Sheikh Nuureyn Rabbiin Jannataan Haa qananiisu!

Show More

8 Comments

  1. Rabbiin warraa Janataa isaan haa godhuu Inashaallah maatii fi firoottaan isaan hundaa jajjabinaa haa kenuu Inashaallah

  2. إِنَّا لِلّهِ وَإِنَّـا إِلَيْهِ رَاجِعونَ Rabbiin jannatul Firdoosiin isaan Haqanansiisu

...

Back to top button