header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Dhaabbanni gamtaa biyyoota Arabaa walgahii ariifachiisaa magaalaa Kaayiroo keessatti jalqabe.


Dhaabbanni gamtaa biyyoota Arabaa Alhada hardhaa walgahii ariifachiisaa ta’e magaalaa Kaayiroo keessatti kan jalqabe yoo tahu, walgahii kana irratti ministeeronni haajaa alaa biyyoota miseensa gamtichaa kan hirmaataa jiran tahuun beekkameera.
Walgahiin ariifachisaan kun gaafii Sa’udiin dhiheessiteen kan yaamame yoo tahu, Bahreeyn, U.A.E fi Jibuutiinis waamicha walgahii kanaa kan deeggaran tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

Xiyyeeffannoon guddaan walgahii kanaa, Iiraan dhimma biyyoota Arabaa keessa harka galfachuu isii balaaleffachuu fi dhiibbaa Iiraan kana afoo dhaabbachuudhaaf, biyyoonni miseensa gamtichaa tahan dhimmicha irratti ijjannoo tokko irra gayuudhaaf yaadamee akka ta’e gabaasni kun ni ibsa.

Waldhabdeen siyaasaa yeroo dheeraadhaaf Sa’udii fi Iiraan jidduu ture dhiheenya kana hammaachaa kan dhufe yoo tahu, Iiraan hidhattoota akka Hizbollah fi Huusiitti fayyadamuun naannicha jeeqaa jirti jechuun Sa’udiin himatti.

Dhaabbanni gamtaa biyyoota Arabaa, biyyota miseensa gamtichaa ta’an 22 kan qabu yoo tahu, Jibuutiin yeroo ammaa durataa’ummaa gamtichaa kan harkaa qabdu ta’uun ni beekkama. Walgahii guyyaa har’aa jalqabame kana irratti Qaxarii fi Lubnaan kan hin hirmaatin tahuunis beekameera.


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button