Dhukkuba Kaayyoo dhabuu

Hundi keenya Kaayyoo qabna. Namni barumsa baratu, kaayyoon isaa waanuma 2, guddatu 3 hin dabru. Takkaa beekmsa argachuu, takkaa eega baratee booda dalagaa qabatee mallaqa argachuu. Kana lameeniin ala taanaan, fedhii maatii guutuufi isaaniif ajajamuu qofaaf barata jechu. Sadarkaadhaan garaagarummaa qabaattus, ilmi namaa hundi kaayyoo numa qaba. Kaayyoon nama garii beekamuudha. Dalagaa isa beeysistu dalagee beekamuu fedha. Eega beekamee booda mallaqa argata. Maqaan isaatis ummata keeysatti ni faargama. Akka namoota isa dura beekamanii innis beekamuudha kaayyoon isaa.

Namoonni akkanaa Eega honga kaayyoo isaanii kanatti gahan booda, jiruun isaanii itti dhiphatti, mi’aan jiruu harkaa bada, jiruf hikkaa dhaban . sababaa kaayyoo Isaanii gaafa duraa gabaabsaniif jecha “amma booda hoo?” gaafii  jedhuuf deebii dhabuun, hedduun isaanii farshooma dhuganii sakraanuu, hashiishaa fii badii gadii aantuu keeysatti kufuu mudatan. Kana hubachuudhaaf seenaa namoota bebeekkamoo hedduu laaluun ni gaha. Namoonni beekamtii kaayyeffatanii lafaa ka’an. Beekkamtii fedhan san numa argatan. Achi booda jiruun isaanii jireenya gadi aantuudha. Dawaa dhugan malee hirribni isaan hin qabu. Farshoo dhugan malee gammachuu hin argatan. Jarri kuni dhukkuba Kaayyoo dhabuu ykn dhukkuba beekamtii barbaaduutiin warra qabamerraahi.

Mee seenaa gabaabduu amma dura isiniif seenessine takka, ammas barumsa guddoo waan qabduuf, gabaabsinee haa isinii himnuu.  Namichi tokko doonii xiqqoo takkaan osoo qurxummii kiyyeessutti jiru, Namni barumsa guddaa qabu tokko doonii guddaadhaan itti dhufe. “Yaa namana, maal dalagutti jirta? Jedhee gaafate. Namichis, “Qurxummii qabutti jira” jedheen. Namichi barumsa qabu kun, “ Eega qabdee booda hoo maal goota? Jedhee gaafate. Namtichi kuunis, “ Magaalaa geessee guruguree, maatii kiyyaaf waan barbaadan ittiin bita. Cinaa ammoo nyaata godhanna” jedheen. Namichi kuun ammas gaafii itti aanse. “ duuba maaliif yeroo kee qisaasta. Doonii guddaa barbaaddee maaliif qurxummii heddu hin kiyyeessine. Qurxummii heddu eega qabdee booda, magalaa geeysitee gurgurta. Mallaqa achirraa argattuun doonii guddaa bitatta” jedheen. Namichi doonii xiqqoo qabu kun deebisee” achi booda hoo mee maal godha?” jedhee gaafate. Namichi  barumsa qabu kunis “ Achi booda maal gaafatta ree, doonii guddaadhaan qurxummii kuma heddu eega kiyyeessitee booda, hoteelota gurguddaa heddu geessitee gurgurta. Galiin ati argattu guyyarraa guddachaa deema. Doonii gurguddaa heddu bittee, qurxummii heddu biyyoota alaatiifis gurguruu eegalta. Mallaqa achirraa argattuun mana bareedaa jaarta.” Jedheen. Ammas namichi doonii xiqqoo qabu kun gaafii itti fufe. “ mee achi booda hoo maaltu itti aana?” jedhee ammas gaafate. Namichi kuunis, Achi booda jaartii teetiifi ilmaan tee wajji bakka akkanaa kana dhuftee, qilleensa gaarii kana keeysatti bashannanta” jedheen. Namichi doonii xiqqoo qabu kun itti aansee dubbii ajaa’ibaa itti dubbate. “ duuba maaliif kana hunda ifaajuun barbaachise, tana taatu ammaahuu ittuma jira. Yeroo boqonnaa qabnu jaartii tiyyaafi ilmaan tiyya wajji asuma oolla.” Jedheen.

Seenaa kanarraa waan guddaa baranna. Kayyoon namicha baratee sun haalaan gabaabduudha. Galmi kaayyoo isaa, dalagatanii eega duroomanii booda, ilmaan wajji bashannanuudha. Kunis dhukkuba kaayyoo gabaabbachuutirraahi.

Mee amma hundi keenyaa haa if gaafannu. Jiruu teenya tana keeysatti, galmi kaayyoo keenyaa maali. Eega bara dheeraa ifaajnee booda, xumurarratti gahumsi keenya eessa taha. Rabbiin nu kabajee jira, duniyaa kheeysatti gammachuu fii ziqii nutti arjoomee jira. qalbii keeysatti fakkeenyagaarii  itti hidhannu, ergamaa Rahmataa Nabi Muhammad ﷺ nuu godhee jira, Akhiiraatti Jannataa fii Jaalala Rabbii argatuu nuu beellamee jira.

Kanaaf kaayyoo keenya, honga kaayyoo teenyaa, Rabbiin gammachiisuu haa goonu. Akkas yoo tahe kaayyoon nuti duniyaa kanarratti itti geenyuu hundi Rabbi gammachiisuuf taati “kana booda hoo?” gaafii jettuuf deebii qabna.

San hunda booda Jaalala Rabbii Jannata kheeysatti argachuudha.

Comments
Loading...