header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Buutaan- Biyya Aadaa Ajaa’ibaa Qabdu

Biyyi hundi waan ittiin beekamtu qabdi. Biyyoonni hundi aadaafii duudhaa garagaraa kan adda isaan godhu qabu. Biyyoonni gariin waan gaggaarii addunyaaf fakkeenya tahuun kan beekaman yoo tahu, biyyoonni gariin ammoo aadaafi duudhaa addaa kan hawaasa addunyaa biratti jibbamaa taheen beekamu. Barruu tanaan biyya ajaa’ibaa takka laalla. Biyyi tun Buutaan (Bhutan) Jedhamti. Buutaan biyya xiqqoo Chaaynaa fi Indiyaa jiddutti argamtuudha. Ummanni isii hedduminaan hordoftoota amantii Budihizimiiti. Wantoota biyyi tun adda ittiin taaturraa waan muraasa ilaalla.

 

Biyya Buutaan tana keessa namni mana dhabee karaarra bulu hin jiru. Namni lammii biyyattii tahee mana keessa qubatu dhabee rakkate, qajeela gama mootii biyyattii dhaqee rakkoo isaa himata. Mootummaan biyyattiitis mana keessa jiraatuufii lafa irratti oomishatu kafaltii takka malee kennaaf. Kanaaf Biyya Buutaan keessa namni tokkollee kan mana dhabee karaa irra bulu hin jiru jechuudha.

 

Lammiileen Buutaan hundi tajaajila wal’aansaa tolaan argatu. Ministeerri fayyaa, biyyattiin biyya ummata fayyaa qabeessa qabdu jedhamtee akka addunyaarratti beekamtuuf karoorfate hojjachutti jira. Sababaa Kanaaf tajaajilli wal’aansaa guutuu biyyattiitti kaafaltii tokko malee kennama.

 

Buutaan keessatti haga bara 1999tti tajaajilli TV tokkollee hin jiru ture. Ummanni biyyatti ummata aadaa fi amantii isaa jabeeffatuudha. Kanaaf ammoo dhiibbaawwan alaa irraa ummata eeguuf carraaqqiin godhameera. Tahullee karoorri kun faaydaa guddaas waan hin qabneef, boodarra karoora kana jijjiiruuf dirqaman. Biyyoota addunyaa keessa jiran keessaallee, Buutaan biyya tajaajila televiziyoonaa boodarra argatte jedhamuun beekamti. Intarneetnis sanuma hordofee biyyattii keessatti diriirfame.

 

Ummanni Buutaan uffata aadaa biyyattii uffachuudhaan beekama. Uffannaan kun waggoota 400 oliif uffatamaa jira. Warri dhiiraa uffata akka kabboortaa jiru kan ‘Goo’ Jedhamee waamamu uffatu. Dubartoonni ammoo qamisii dheeraa kan ‘kiraa’ Jedhamee waamamu uffatu. Warri dhiiraa fooxaa qallaa ceekuu gubbaan darbatanii fuulduratti hidhatanii uffatu. Halluun fooxaa kunis koodii addaa qaba. Ummanni biyyattii guutuun fooxaa adii ceekuu qubbaan kan darbatan yoo tahu, namoonni aangoo qabaniifi qeesonni ammoo fooxaa bifa keelloo qabu hidhatu.

 

Bara 2010tti Buutaan oomishaa fi gurgurtaa Tamboo guutumaan guututti dhoorkite. Kanaanis Buutaan biyya Tamboo guutumaan guututti dhoorkite tahuun tan jalqabaati. Biyya san keessatti tamboo xuuxuun dhoorkaadha. Namni tamboo waliin qabame, adabbii cimaatu isa eeggata. Lammiileen biyya biraatis tamboo qabatanii gara Buutaan seenuun dhoorgaadha.

 

Mootummaan biyyattii kunuunsa naannootiif xiyyeeffannaa guddaa kenna. Akka seera isaaniitti, lafti harki walakkaa ol ykn parsantiin 60 kan caalu bosonaan uwwifamuu qaba. Yeroo ammaa kanas lafti biyyattii kan parsantii 71 tahu bosonaan uwwifamee argama. Ummannis waan kanaaf xiyyeeffannaa guddaa kenna. Bara 2015tti ummanni biyyattii sa’aa tokko keessatti habaqaala ykn chigginyii 50,000 dhaabuun, biyyattii daranuu biyya bosonaa godhan.

 

Biyyi tun waan biyya teenyaan wal fakkaatuunis ni qabdi. Lammiileen buutaan akkuma lammiilee biyya keenyaa nyaata nama gubu ykn nyaata barbaree qabu jaalatu. Biyya san dhaqanii nyaata Barbareefi Qaccee hin qabne arguun hin danda’amu. Nyaanni hundi waan nama gubu qaba.

 

biyyi tun aadaa fi duudhaadhaaf xiyyeeffannaa guddaa kenniti. Aadaan biyyattii akka aadaa biyya biraatiin laaqamu hin fedhan. Sababa kanaaf turistoota biyyattii daaw’achuuf dhufaniif seera cimaa baasan. Gatiinis haalaan qaaliidha. Gara Buutaan deemuu yoo barbaaddan, garee miseensota 3 ol qabu hundeessuu qabdan. Akka tasaa yoo waahela jireenyaa keessan wajjiin qofa deemuu barbaaddanis mirga qabdu. Haa tahu malee mallaqa dabalataa kafaluuun dirqama. Biyya san daaw’achuudhaaf qaama mootummaa dhimmi kun isa laallaturraa hayyama argatuu qabdan. Daaw’annaa keessan jalqabuun dura, mallaqa isinirraa barbaadamu cufa kafaluu qabdan. Baasii geejjibaa, baasii hoteelaa, ogeessa karaa qajeelchuuf, viizaa fi Inshuraasiifis kafaluu qabdan. Namni isin daaw’achiisu yeroo hunda isin biraa hin dhabamu. Innis bakka turizimiif qophaaye qofa isin daaw’achiisa. Biyya san daaw’achuudhaaf, namni tokko kophatti guyya guyyaan doolaara ameerikaa 250 kafaluu qaba. Akka seeraatti ammoo nama sadihii oliin daaw’achuu waan qabdaniif, yoo xiqqaate guyyatti doolaara 750 kafaluu qabdan jechuudha.

 

Buutaan keessatti dubartoonni kabajaa guddaa qabu. Akka aadaa biyya saniitti abbaa fi haati yoo du’an, qabeenya jaraa kan dhaalu intala hangafaati.  Dhiirri qabeenya dhaaluu hin danda’u. Dhiirri waan isaaf barbaachisu dalagachuu qaba malee, dhaalarraa wanti inni abdatu takkalleen hin jiru. Buutaan keessatti nyaata keemikaalaan laaqame arguun hin danda’amu. Xaa’oon keemikaalaa kan sanyii midhaanii fufurdisee halluu bareechu hin jiru. Wanti hundi biyyee uumamaatiin biqila. Nyaanni biyya san jiru nyaata qulqulluu ykn organic qofa. Keemikaalota warshaa keessatti oomishaman gara biyya sanii galchuun guutumatti dhoorkaadha.

 

Buutaan buufata xayyaaraa tokko qofa qabdi. Buufatni kun gaarreen himaaliyaa fi kanneen biroo cinatti argama. Yoo laalan buufanni xayyaaraa kun haalaan bareeda. Haa tahu malee bufata xayyaaraa haalaan sodaachisaa keessaallee isa tokko. Xayyaara qubachiisuudhaaf dirqamatti, gaarreen dhedheeroo kanniin jidduun deemaa, manneen namootaatiin cinaan dabruu barbaachisa. Kana ammoo paaylatiin hundi godhuu hin danda’u. Yeroo tokko tokko bubbeenis rakkinicha ni hammeessa. Kanaafuu xayyaarri gara biyya sanii seenuu fi bahu, yeroo guyyaa qofa tahuu qaba. Yeroo ammaa kanas rakkoo kana hunda dandamatuun xayyaara seeraan qubsiisuu fi kaasuu kan danda’an paaylatootta 8tu jira. Namoonni saddeettan kunniin xayyaara garagaraatiin wagga waggaan gara nama kuma 30 imalchiisan. Namoota filaman saddeettan kanneeniin alatti, paayleetiin biroo xayyaara oofaa gama biyyattii seenuu hin dandayu.

 

Aadaa Biyya tanaa keessaa kan ajaa’ibaa kan biroo ammoo sirna gaa’iIaati. Akka aadaa biyya teenyaatti gurbaan intala fuudhee manattiin galata. Akka aadaa Buutaanitti ammoo intalatu gurbaa manattiin galata. Eega gaa’elli raawwatamee booda abbaan warraa waan qabu walitti qabatee mana isiitti gala. Achi booda halkaniifi guyyaa hifannoota malee jabaatee hojjatee, mana haaraya kan jaartiin isaa qabdu ka caalu eega jaaree booda, jaartii isaa fudhatee gala. Yoo mana woyyaawaa ijaaruu dadhabe, umrii isaa guutuu mana isii keessa jiraata jechuudha. Lammiileen biyyattii nama lammii biyya biroo waliin bultii jaaruun dhoorgaadha. Namni biyya san dhaqee intala biyya sanii jaalate, carraan inni qabu sabrii godhee biyyattii dhiisee bahuu qofa.

 

Biyyi hundi ministeerota adda addaa qabdi. Garuu biyyi Buutaan ministeera addaa tokko qabdi. Sunis ministeera gammachuuti. Bara 2008titti koreen gammachuu lammiilee Buutaan irratti dalagu tokko hundaa’e. Koreen kun  gammachuu lammiilee irratti akka hojjatu yaadamee hundeeffame. Biyyoota addunyaa keessaallee Biyyi Ministeera gammachuu qabdu Buutaan qofa. Gammachuu lammiilee, akka galii biyyattiitti too’achuu fi madaaluun barbaachisaadha jedhanii amanu. Bara 2015tti namoonni hagam gammadoo akka tahan beekuudhaaf qorannoo geggeessanii turan. Qorannoo bara 2015 godhame kanaan lammiileen Buutaan prasantii 91 tahan gammadoo tahuu isaanii ibsaniiru. Parsantii 43 kan tahan ammoo haalaan gammadoo tahuu isaanii ibsan.

 

Mallattooleen karaa Buutaan keessatti argaman hundi kan harka namaatiin barreeffamaniidha. Magaalaan Guddittiin biyyattii Timfuun magaalaa ifaa tiraafikaa hin qabneedha. Inumaa biyyattiin guutuun ifaa tiraafikaa hin qabdu. Poolisoota Tiraafikaatu sochii makiinaawwanii too’ata. Kanaafuu yeroo makiinaa ooftan poolisa mana traafikaa keessa taa’ee isin qajeelchu ijaan barbaaduu hin irraanfatinaa

 

Qophii: Abu Ibtisaam

Back to top button