header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannooUSA

Donaald Traamp dhimma Suuriyaa irratti Raashiyaa akeekkachiise

Prezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp toora Twiterii isaatiin “haleellaa keemikaalaa mootummaan Suuriyaa magaalaa Duumaa keessatti raawwateef deebisaa kennuuf qophiin xumuramee jira. Raashiyaan misa’ela keenya rukuttee kuffisuuf dhaadattee jirti, kanaafuu Misa’eelli keenna dhufaa waan jiruuf Raashiyaa qophaayi” jedhe.

Traamp ibsa kana kan baase qondaalli mootummaa Raashiyaa tokko ganama har’aa Ameerikaan mootummaa Suuriyaa rukutuuf misaa’ela kan dhukaastu yoo tahe, Raashiyaan ammoo misa’eela Ameerikaa rukutuun ni kuffisti jechuun eega dubbateen booda akka tahe gabaasni arganne ni mul’isa.

Donaald Traamp guyyaa kaleessaa tarkaanfii Suuriyaa irratti fudhatamu qondaaltota waraanaa fi tikaa waliin mari’achuuf imala gara Ameerikaa Kibbaatti karoorfate kan haqe tahuu beeksise.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button