header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Falasxiin mana murtii addunyaatti Ameerikaa himatte

Falasxiin himannaa kana kan bante mana murtii UN, International Court of Justice (ICJ) jedhamutti yoo tahu, Ameerikaan Imbaasii Alqudsitti seeraan ala bante akka cuftu gaafatte. Manni murtii UN ibsa guyyaa kaleessaa baaseen, Falasxiin himannaan Ameerikaa irratti bante, seera addunyaa Waliigaltee Hariiroo Dipilomaasii Vienna jedhamu kan bara 1961 bahe irratti hundaayuun akka tahe beeksise.

 

Akka seera addunyaatti,  biyyi takka Imbaasii banuu kan dandeettu dachii biyya Imbaasichi keessatti banamuu irratti qofa tahuu qaba, ammas akkuma seera addunyaatti Al-Qudsi/Jerusalem tan Israa’el osoo hin taane magaalaa sadarkaa addaa tahuun beekamti. Falasxiin himannaa bante irratti, Ameerikaan seera addunyaa cabsuun Imbaasiin Al-Qudsi keessatti bante seeraan ala tahuu manni murtichaa akka labsuu fi Imbaasicha akka baastu  ajaja akka dabarsu kan gaafatte tahuu ibisi ICJ irraa bahe ni mul’isa.

 

Ministeerri haajaa alaa Falasxiin Riyaad Al-Malikii ibsa sabtii har’aa kenneen, “Mirga keenna kabachiisuudhaaf akkasumas daba Siyaasaa fi diinagdee nurratti aggaamamu karaa danda’ame hundaan qolachuudhaaf of duubatti hin deebinu”jechuu isaa ejensiin odeeyfannoo Falasaxiin gabaase.

 

Ogeeyyonni seera addunyaa akka jedhanitti, Falasxiin himannaa Ameerikaa irratti bante kana injifatuudhaaf, manni murtichaa Falasxiiniin akka biyya walabaatti ilaaluu qaba. Korri Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii bara 2012 keessa Falasxiin “biyya miseensa UN hin tahin”jechuun barcuma sadarkaa taajjabbii kan kenneef tahuun ni beekama.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button