header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa diiggaa Masjidootaa dhiheenna raawwatamaa ture ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kenne

Bulchiinsi magaalaa shaggar tibbana masjiidota diiguu isaa hordofuun hawaasa muslimaa kan dallansiise yoo tahu, hiriira mormii jum’aa lamaan dabran geggeeffame irratti humnoonni mootummaa muslimoota heddu ajjeesuufi madeessuun ni beekama. Kanuma hordofuun manni marii dhimmoota islaamummaa rakkoo kana furuuf koree hundeessee qaamota mootummaa waliin mariátaa jiraachuu ibsamee ture.

Haaluma kanaan koreen kun marii qaamota mootummaa waliin gaggeessaa ture ilaalchisuun hardha ibsa kennee jira. Ibsa isaa kanaan muslimoota humnoota mootummaatiin lubbuun isaanii darbeef gadda itti dhagahame ibsuun, Rabbiin sadarkaa shahiidummaa akka isaan badhaasu; maatii fi ummata islaamaa guutuufis sabrii akka kennuuf kadhanna jedhee jira. Dabalataanis, warra miidhamanii mana yaalaa jiraniif immoo deeggarsi akka taasifamu yaamicha dhiheessan.
Prezdaantii naannoo Oromiyaa fi kantibaa magaalaa shaggar dabalatee marii qaamolee naannichaa oláanoo waliin geggeeffame kanaan, diiggaa masjiidotaa magaalaa Shaggar keessatti raawwatamaa jiru akka dhaabbatu; masjiidoota diiggamaniif iddoon gahaa tahe akka kennamuu fi Pilaanii magaalatti keessattis sirnaan akka galu; kana booda ammo mootummaan ifii isaatii masjiidota yeroo fedhetti diiguu osoo hin taane, mana marii dhimmoota islaamummaa waliin mariáchuun adeemsa sirraahu qabu akka sirreessu waliigaltee irra gahamuu ibsame.

 

Dabalataanis, prezdaantiin majliisa Oromiyaa Shekh Hajjii Ibraahim gochi raawwatame kan isaan dallansiise tahuu, hoggantoota mootummaatiif ibsuu isaanii eeramee jira. Shekh Hajjiin “Aangoon kiyya dhugoomuun” yoo masjidaa fi amantii kiyya naaf kabajjan” akka jedhaniifi kanaan booda qaama hawaasa muslimaa dallansiisu waliin firummaa hin qabnu jechuu isaaniittu ibsame.
Dhuma irrattis, hawaasni muslimaa dhaabbata isaa cinaa hiriiruun adeemsa raawwii waliigaltichaa akka hordofu; kana booda hiriirri tokkolleen akka hin gaggeeffamne Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa cimsee akeekkachiisee jira.

7 Comments

  1. As wr wb gaaridha garuu ani kanin jedhu taateen
    tokko ogga argamu ,musliima irratti qaamni mootummaa ajjeesuuf itti sardamuurraa of
    qusachuu qaba.nama tokko ajjeessuf daqiiqaa
    gidduutti yoo ta,u,namni tokko dhalate namata,uuf
    waggaa 20 ol taabuu gaafata akkasumas qabeenya
    hedduu fixa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button