header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Finciltoonni Suuriyaa waraana Turkiyaatiin deeggaraman magaalaa Ras Al-eyin jedhamtu too’atan

Waraanni Turkiyaa finciltoota Suuriyaa “waraana biyyoolessaa” jedhaman waliin tahuun,  duula guyyaa afur dura finciltoota Kurdi kanneen Kaaba Suuriyaa keessa maandheffatan irratti jalqaban kan itti fufuan yoo tahu, finciltoonni Turkiyaan deeggaraman magaalaa Ras Al-eyin jedhamtu dabalatee gandoota 14 ol kan too’atan tahuu ibsame.

 

Qondaaltonni waraana Turkiyaa ibsa baasaniin “loltoonni waraana biyyoolessa Suuriyaa (finciltoonni Suuriyaa) ganama har’aa magaalaa Ras Al-eyin too’achuun, naannawa manneen jireenyaa  sakatta’aa jiran”jedhan. Haata’u malee finciltoonni Kurdi gabaasa waraana Turkiyaa kana soba jechuun haalan.

 

Waraanni Turkiyaa duula Kaaba Suuriyaa keessatti jalqabe kanaan,  hanga ammaatti loltoota finciltoota Kurdi 74 ol akka ajjeessefi,  walumaa galatti finciltoota irraa kanneen madaayan fi booji’aman  dabalatee hidhattoota 400 ol barbadeessuu beeksise. Gama waraana Turkiyaa irraa ammoo loltoonni sadi ajjeefamuu fi sadi ammoo madaayuu ibsame.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button