Kaayyoon Sagantaa kanaa masjiida kanaan dura gareewwan maqaa amantaa Waaqeffataatiin socho’an diiganii turan deebisanii ijaaruuf deeggarsa walitti qabuuf yoo tahu, Ulamaa’onni naannichaa, keessummoonni fi hawaasni muslimaa lakkoofsaan guddaa ta’e argamun deeggarsa kan godhan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Sagantaa guddaa kana irratti Abbaan Gadaa Harargee Lixaa Shaamil Ahmadoo kan argame yoo tahu, gareewwaan maqaa amantaa waqeeffataatiin Islaamummaa irratti duulan kan balaaleffatu tahuu ibse.
Dabalataanis hawaasni muslimaa masjiidaa fi Madrasaa ijaaruuf deeggarsa kan godhe tahuus beekameera. Akkasumas Obboleyyan muslimaa kanaan dura burjaajawuun amantaa Islaamummaa keessaa bahanii turanis gara amantaa isaanitti deebi’uu odeeyfannoon ni addeessa.