header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Foramiin Daldalaa fi Diinagdee Turkiyaa-Afrikaa  Istanbul keessatti jalqabame

Prezdaant Rajab Xayyib Erdogaan Araba’aa har’aa sirna baniinsaa Foramii Turkiyaa-Afrikaa guyyaa lamaaf turu kana irratti haasaya godheen, biyyoonni Afrikaa maxxantummaa doolaaraa jalaa bahuudhaaf, maallaqa isaaniitiin wal irraa bittaa fi gurgurtaa jalqabuu qaban jedhe. Hogganaan Boordii Hariiroo Diinagdee Alaa Turkiyaa Mr Nail Olpak gama isaatiin, Turkiyaan yeroo ammaa hammi daldala alaa biyyoota Afrikaa waliin geggeessitu dhibbeentaa 2.1 qofa tahuu ibsuun, hamma daldalaa kana ol guddisuudhaaf  xiyyeeffannaan kan hojjattuu tahuu beeksise.

 

Foramii Daldala fi Diinagdee Turkiyaa-Afrikaa kana Gamtaa Afrikaa, Ministeera Daldala Turkiyaa fi Boordii Hariiroo Diinagdee Alaa Turkiyaattuu waliin qopheesse. Foramiin mata duree “Tumsaa fi Investimantii waliiniitiin milkaa’ina itti fufiinsa qabu mirkaneessuu”jedhuun jalqbame kun, Turkiyaan Afrikaa waliin bu’uuraalee misoomaa, ijaarsa, Turiizimii fi Faashinii irratti hojjachuuf haala  mijeessuu irratti kan xiyyeefatu tahuun beekameera.

 

Jilli mootummaa Ityoophiyaa Prezdaant Mulaatuu tashoomaatiin durfamu,  Foramii kana irratti hirmaatuudhaaf kaleessa Turkiyaa kan seenee tahuu gabaasni arganne ni ibsa.

Turkiyaa_Afrikaa1

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button