header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Furtuu mana keetii amantee Amaazoonitti kennitaa?

Wanti kun biyya keenya keessatti hedduus hin baramne. biyyoota gurguddatan keessatti yeroo heddu meeshaa barbaadan intarneetuma irraa bitatan. dhaabbanni Amazon jedhamu akka sadarkaa addunyaatti meeshaa intarneeta irratti gurguruun beekamaadha. Meeshaa tokko bituu yoo barbaaddan, weebsaayitii Amazon bantanii online Ajajjan. mallaqnis intarneetumarratti kafalama. achi booda Amaazoon hojjataa ramadee meeshaa isinii erga. hojjataan ramadames meeshaa fidee hulaa dura kaayee biraa deema. meeshaa Amaazoon haala kanaan fidee hulaa dura namaa kaayu kana, yeroo garii hattutu fudhata. yeroo garii ammoo roobatu itti roobee balleessa.  dhaabbanni Amaazoon maamiltoonni isaa haala kanaan rakkannaan, dhiheenya kana furmaataan isinii dhufe jedhe. furmaanni isaatis meeshaa technoolojiiti.

Meeshaan kun Amazon Smart Key jedhama, gatiin isaatis $250. meeshaan kun kaameraan kan deeggaramu yoo tahu, balbala manaa wajji walitti hidhama. hojjataan Amaazoon ka meeshaa akka geessuuf ergame kun, meeshaa fidee eega balbala bira gahee booda, Smart lock kanaan hulaa banee seenee, meeshaa bakka kaayamuu qabu kaayee biraa baha. Akkuma inni hulaa bira gahee baneen, kaameraan dalagaa eegala. sochiin namicha kanaa hundi ni waraabbama. yoo barbaachisaa tahe ammoo, viidiyoo gabaabduu sochii namichaa garsiisu hoggasuma abbaa manaatii erga. namichi meeshaa fide kun yoo waa hatee bahes, Kaameraa kanaan qabama.  Namni kun haala kaminuu mana maammilichaa keessa socho’uun hin hayyamamuuf jechuudha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button