Og-BarruuTafakkur

Geeriyal (Gharial)

Namni biyya keenyaa bineensa kana yoo arge bineensa biraa wajji wal itti fakkaachuu mala. Bineensi kun Gheeriyaal jedhama. Baay’inaanis kan argamu qaamman bishaanii biyya Hinditti.

Bineensi kun gosa Reeppitaayilii keessatti rammadama. Qaamni isaas akkaan guddaa dha. Bocni isaatis naachaan wal fakkaata. Akkuma naachaa lukti isaa gaggabaaboo waan ta’eef yeroo dheeraaf qaama isaa guddaa san qabatee lafarra deemuu hin danda’u. kanaafis yeroo ofii hedduminnaan kan dabarsu bishaan keessatti.

Geeriyaal qaamni isaa guddaa qofa osoo hin ta’in dheeraadhas. Sanyiin geeeriyaal hanga meetiraa jahaa ni dheerata. Qaama bineensa kanaa irraa wanti nama ajaa’ibu ilkaan isaati. Geeriyaal qoffee (Afaan bineensaa) dheeraa qaba. qoffeen isaa kunis bineensota haala gaariin akka adamsu isa tajaajila. Afaan isaa keessaayis ilkaan qara ta’an 50 ol qaba.

Akkuma bineensota bishaan keessaa, geeriyaal waan adamsuu barbaade qophaa isaa adamsa. Miidhaan ilma namaa irraan gahes hedduminaan hin jiru. Qajeelatti yeroon inni nama tuqes hin jiru. Yoo isa tuqan garuu deebiin hamaadha. Ilkaan shantamaa saniin nama ciccira. Kun eegaa foon ilma namaa lagachuurraan kan ka’e osoo hin taane, bocni afaan (qoffeen) isaa akkaan qal’aa waan ta’eef wantoota gurguddaa ta’an nyaachuuf hin mijaahuufi.

Geeriyaal bineensa akkaan guddaa waan ta’eef diina hamaa isa nyaatu hin qabu. Diinni isaa akkuma bineensota gurguddaadhaa ilma namaati. Ilmi namaa foon isaa soorachuuf akkasumas gogaa isaatiif jecha bineensa kana adamsa. Geeriyaalis sababa ilma namaatii fi faalama bishaaniitiin lafa kanarraa dhabamaa akka jiu qorannoon garagaraa ni addeessa.

Dhalaan geeriyaal yeroo roobni caamee fi lagni hir’ate cirracha keessatti hanqaaquu hanqaaqxi. Dhalaan tun marsaa tokkoon hanqaaquu hanga 50 hanqaaqxee cirracha keessatti awwaalti. Ji’a muraasa booda ilmooleen geeriyaal cirracha keessaa as bahu. Hanga of danda’anii socho’anitti haadha isaaniitiin gargaarsi godhamaafi.

 

Show More

...

Back to top button