header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Haleellaa Boombii Afgaanistaanitti raawwatameen namoonni 26 ol ajjeefaman

Haleellaan kun kan raawwatame iddoo lamaatti yoo tahu, inni jalqabaa iddoo Parwaan jedhamu kan kaaba magaalaa guddoo Kaabuliitti argamutti. Taateen tun yeroo Pirzidaantiin biyyattii dhiimma filannoo irratti haasawa godhuuf achiitti argameetti raawwatame. Haleellaa kanaan namoonni 26 ol ajjeeffamanii, 42 ol immoo madaayanii jiran. Akkasumas pirizdanticha irra miidhaan kan hin gahin tahuun gabaafame.

Haaluma wal-fakkaatuun haleellaan lammaaffaa immoo naannawa Imbaasii Ameerikaa dabalatee waajjiraaleen dipilomaatotaa biyyoota alaa itti argaman kan magaalaa Kaabulitti raawwatame. Haleellaa kanaanis namni hedduun ajjeeffamuu akka hin oolle BBC’n gabaase.

Haleellaa iddoo lamaanitti raawwatameef gareen hidhattoota Xaalibaan itti gaafatama fudhachuu ibse.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button